‘OBN Cyber Media’ Adoolessa 13,2018
Caffeen Oromiyaa gabaasa raawwii hojii bara 2018 fi karoora bara 2018 Waajjira Caffee Oromiyaa dhiyaachuun irratti mari’atame.
Gabaasicha kan dhiyeessan Ittigaafatamaan Waajjira Caffee Oromiyaa Obbo Taarikuu Nagaash, Caffeen Oromiyaa waggoota shanan darbanitti seerota fedhiifi fayyadamummaa ummataa mirkaneessan baasee hojiirra akka oolaniif hordoffii cimaa gochaa tureera jedhan.
Seeronni bahan kunneen maxxanfamuun fayyadamtoota bira akka gahaniifis hojiileen bal’aan raawwatamaniiru jedhan.
Qaamoleen Mootummaa qindoominaan hojjechuun hordoffiiifi to’annoo cimaa akka taasisaniifis hojjetamaa turuu ibsan.
Dbalataanis, Caffeen Oromiyaa Hawaasni haqa isaaf malu akka argatuuf shoora irraa eegamu bahachaa turuus Obbo Taarikuun eeraniiru.
Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurahmaan yaadaafi gaaffii Miseensota Caffee irraa ka’aniif ibsa kennaniin, Caffee cimaan bu’uura ijaarsa sirna cimaa ta’ee tajaajila jedhan.
Caffeen hariiroon mootummaafi ummata gidduu jiru cimee akka itti fufuuf xiyyeeffannoo kennee hojjechaa turuu dubbatan.
Hordoffiifi to’annoo karaa Koreewwan Dhaabbii Caffee taasifaman teeknooloojiin deeggaruun bu’a qabeessummaa hojii kanaa dabaluuf xiyyeeffannoon kennamee Caffee bara Hojii 7ffaa keessatti hojjetamuu kan qabu ta’uu akeekan.
Kana malees, Caffeen dhufu Baajataafi Loojistiksiin cimee itti gaafatamumma isaa akka bahatuuf, keessattuu, Manneen Maree Ummataa sadarkaan jiran loojistiksiin utubuun barbaachisaafi murteessaa ta’uu ibsan.
Milkaa’ina Caffee bara Hojii 6ffaa kanaaf qaamolee tumsa taasisaa turtan hundaaf kabajaafi galata guddaan isiniif mala qaba jedhan.
Caffeen gabaasa dhiyaate mirkaneesseera.
