Biyyoonni Marii Biyyaalessaan milkaa’an muuxannoo akkamii qabu?

Date:

‘OBN Cyber Media’ Adoolessa 09,2018

‘Kan mari’ate  raada hambisee jibicha qalee’ jedhama mii ree jechama Oromoon.
Mari’ataan gowwaa hin qabuunis kanuma dhugoomsa.
Warri mari’ate gaarummaatti bahee warri marii hafe achumatti hafe akka jechuuti.
Uummanni Itiyoophiyaa gaafa rakkoofi gammachuu harka walirra qaba. Gaafa xiiqis diina alaa qolachuuf waliin seenaa qaba.
Daba daboo faayidaa dhuunfaa gareewwan muraasaan wal dhibdeefi walgaarreffannaa uumame mariifi marabbaan furuufis Itiyoophiyaan koratti jirti.
 
Marabbaan jiraannaan manni mixiiyyuu  cidha galcha  jedhama lakkii dhiiro keenya biyyi bal’oo marii malee wanti hanqate hin jiru koottaa teenyee mari’annee nagaafi misooma dhaloota haa dhalchiifnu jechaa jirti biyyi mariishee kanaan.

Waltajjii yaa’ii biyyi itti jirtu kanaafis kutaaleen hawaasaa biyyattiirraa ajandaan mariif ta’u funaanamee secha’amee dhihaateera.
 
Bakka bu’oonni uummatas ajandaa kurfaa’erratti mari’ataa jiru.
 
Halaala dhabatanii walgaareffachuurra walitti dhihaatanii waldhageeffachuu wayyaanis filatamee hojiitti galameera.
 Biyyoonni hedduun marii biyyaalessaan mikaa’an maaliif milkaa’an laata/ kanneen hin milkaa’iin hafanoo maal hanqisan laata?
 Ofii biyyoonni marii biyyaalessaan milkaa’an maaliif akkamiin milkaa’an isaanoo  eenyu fa’a warreen ittiin hin milkoofnehoo?
Marii biyyaalessaa gaggeessuun nagaa fi tasgabbii fiduu keessatti biyyoonni akka Afriikaa Kibbaa, Tuniiziyaa, Kolombiyaa, Poolaandi, Ruwaandaa fi Keeniyaan milkaa’iniiru.

Biyyoonni kunniin rakkina jabaa keessaa ba’uuf mala kanaan fayyadaman;-
Afriikaan Kibbaa: Sirna dhiibbaa sanyii (Apartheid) nagaan xumuruuf paartileen hunduu marii CODESA (Convention for a Democratic South Africa) jedhamu taasisan.
Kanaanis, lammii hundumaa kan hirmaachise heera mootummaa haaraa fi filannoo dimokraatawaa bara 1994 argamsiisuun milkaa’an. Milkaa’ina kana keessatti ammo gahee kan taphan hoggantoonni akka Neelson Mandeelaa mariidhaan sirna appartaayiditti xumura godhan.
 
Tuniiziyaa: waraana keessoo furuuf bara 2013tti waldaaleen siivilii afur (Quartet) jedhamuun ijaaramuun paartilee mormitootaa walitti fidan. Kanaanis
marii biyyaalessa siyaasaa nagaatiin heeraa mootummaa haaraa fideeraa, kanaanis biyyatitti gareen marii kana hogganaa turan bara 2015tti badhaasa noobeeli nagaa injifata.

Poolaandi: Bara 1989 mootummaan komunistiifi gamtaan hojjettootaa (Solidarity) “Marii biyyaalessa Minjaala tokkoo irraatti  gaggeessan. Mormitoota seeraan galmeessuun filannoo bilisaa gaggeessan; kanaanis sirni komunistii nagaan akka xumuramu taasisan.
Kolombiyaa: Waliigaltee bara 2016tiin wal waraansa jaarraa walakkaaf turettii marii biyyaaleessa hunda hammateen xumura gochuun danda’ameera.
Ruwaandaanis Marii Biyyoolessaa Sirna aadaa Umushyikirano jedhamu heera mootummaa keessa galchuun waggaa waggaan gaggeessu. Lammiileen hundi pirezidaantiifi gaggeessitoota dhimma isaanii kallattiin gaafachuun tokkummaa biyyaa mirkaneessan.
Keeniyaa: Jeequmsa filannoo bara 2008 uumame nagaan xumuruuf marii biyyoolessaa taasisan. Humni siyaasaa kaampii lamaanitti argaman aangoo waliif hiruufi heera mootummaa haaraa mirkaneessuun nagaa deebisan.
Walumaagalatti, biyyoonni kunneen marii biyyaalessaan  kan milkaa’aniif hirmaachisummaa ummaata qabaachuu, amanamummaan gidduu isaanii jiraachuu  fi waliigaltee sana gara seera qabatamaatti jijjiiruu isaaniitiini.
 Gama biraan ammoo Biyyoonni akka Yamaniifi Sudaan marii biyyaalessaan milkaa’uu hin dandeenye. Sababiin isaan itti milkaa’uu dadhabanifis
Yaman: Mariin Biyyaalessaa Yaman bara 2013-2014 gaggeeffame addunyaa irratti akka fakkeenya gaariitti ilaalamaa ture, marichi  hunda hammataa fakkaatuyyuu, dhumarratti dantaa humnoota siyaasaa gurguddoo qofa eegsisuuf irratti fuulleeffate. Mari’taniyyuu rakkoon bu’uurarra hiikamu dhabde.
Osoo  marii keessa jiranuu gareen hundi lolaaf qophaa’aa turan; kunis dhumarratti mariin fashalaa’ee waraanni akka ka’uuf sababa ta’e.
Sudaanis: Sudaan keessatti mariin godhamaa ture namoota taayitaarra jiran fi jila isaanii qofa gidduutti ture, Gareen finciltootaa gurguddoo fi sagaleen ummata bal’aa marii keessaa dhiibame.
Rakkoon tun ammas itti fuftee biyyaatti keessa waraani qooru dadhabe.
Gabaabumatti, mariin Yamaniifi Sudaan milkaa’uu kan dhabeef rakkoo jiruu furuu dhiisuufi dhugaa ummataa dagachuun taayitaa qofaaf wal-laluu isaaniitiin fi waadaa seenan hojiitti hiikuu dhabuu isaanitiin.

Kun ammoo biyyoonni lachuu biyya isaanii keessatti waldhabdee akka hammatu, hiyyummaa madaa mogolee akka ummata biyyatitti ta’u, misoomni gaarii akka itti hin fufne ta’eera. Kanarra wanti hubatamu ammoo marii furmaata  waan hundaa akka ta’e agarsiisa.
Itiyoophiyaanis yeroo ammaa waldhabdee jiru karaa nagaatiin furuuf maritti jirti. Mariin biyyaaleessa seenaa Itiyoophiyaa keessatti isa haaraa ta’e qooda fudhataa hunda hirmaachisuun karaa beekumsa xabboo bu’uureffateen rakkoo hidda gadi fageeffate bu’uurraa ni furama jedhamee eegama.

The Guardia, BBCfi Research Gate Irraa Odeeffanne.

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

“Milkaa’inoonni argaman xumura miti, Bu’uura ce’umsa itti aanuuti- Pirezidaanti Shimallis Abdiisaa

‘OBN Cyber Media’ Adoolessa 09,2018 Milkaa'inoonni argaman xumura imalaa...

“Hooggansa badhaadhina mirkaneessu ijaaruun, gama hundaan ofdanda’uuf hojjechuu qabna.”Pirezidaanti Shimallis Abdiisaa

‘OBN Cyber Media’Adoolessa 09,2018 Hooggansa dinagdee carraawwan misoomuu, humna namaafi...

Imalli Arjentiinaa baranaa maal fakkaata?

‘OBN Cyber Media’ Adoolessa 09,2018Waancaa addunyaatiin A.L.A’tti erga bara...