‘OBN Cyber Media’ Adoolessa 09,2018
Waancaa addunyaatiin A.L.A’tti erga bara 1962 Biraazil dorgommichaan walitti aansitee yeroo lama mo’attee booda, biyyi seenaa kana irra deebiin hojjette hin jirtu.
Arjentiinaan injifannoo waggoota afran darban Quwaatar irratti gonfatte irra deebi’uuf waan dhiyaatte fakkaata.
Umuriin lakkoofsa qofa kan jechisiisaa jiru, waggaa 39’ffaa isaatti gahumsa ajaa’ibsiisaa agarsiisuun yeroo gaarii biyyasaa waliin kan dabarsaa jiru Liyonel Meesiinis raajii hojjechuusaa itti fufeera.
Tapha ramaddii jalqabaatiin Aljeeriyaa waliin kan taphatte Arjentiinaan, taphichaan yeroo 200’f biyyasaaf hiriiree kan taphate Meesiin goolii injifannoo Arjentiinaa sadanuu kan galches isuma ture.
Tapha marsaa itti aanu Austiraaliyaa waliin taphataniinis Meesiin goolii lama biyya isaaf galchuun, ofiis seenaa waancaa addunyaa keessatti taphatee dorgommichaan goolii baay’ee galche ta’uun rikoordii haaraa galmeeffate. Taphichis goolii 2 fi 0’n goolabame.
Ramaddiirraa darbuushee kan mirkaneeffatte Arjentiinaan tapha Jordaan waliin taphatte irratti Meesii teessoo jijjiirraa irra kaa’uun taphicha taphatte.
Boqonnaan booda Meesiin jijjiiramee seenuun goolii 3’ffaa Arjentiinaa galchuun injifannoo gareessaa jabeessee taphichis olaantummaa Arjentiinaan 3 fi 1’n goolabame.
Arjentiinaan mrasaa tapha ramaddii garee 3 taphatte keessaa sadanuu mo’atte. Waliigalaan goolii 8 galchite, gooliin tokko ammoo irratti gale. Qabxii sagalis argachuun ramaddii garee J irraa tokkoffaa taatee xumurte.
Marsaa taphaa biyyoota 32’n Kaappi Veerdee waliin kan taphatte Arjentiinaan goolii 3 fi’2 wayita mo’attu Liyonel Meesiin goolii tokko galchuun, goolii injifannoo arjentiinaa daqiiqaa dabalataa dhumaarra argamtemmoo mjieessee kenne. Gara marsaa biyyoota 16’tti darbuun ammas Arjentiinaan injifannoo hin eegamne galmeessuu itti fufte.
Goolii 2 fi 0’n durfamaa kan turte Arjentiinaan gooliiwwan kiristiyaan Ruumeeroo, Liyonel Meesiifi dhumarra Eenzoo Fernaandes galcheen taphicha goolii 3 fi’2 mo’atan.
Taphichaan Meesiin goolii galchuun dabalataan kubbaa Roomeeroon galches mijeessee kennuun taphataa cimaa taphichaa ture.
Arjentiinaan nuusa xumuraanis goolii 3 fi 1’n Siwiitherlaandiin yoo mo’attus kubbaa Meesiin rogarraa dhiitee Aleksis Maak Aliister mataan itti bu’uun galchee durfamuurraa gara qixaatti dhufan. Goolii Juuliyaan Alaavaareziifi Laawutaaroo Martineez dabalaniinis Arjentiinaan 3fi1’n mo’achuun gara walakkaa xumuraatti darbite.
Walakkaan xumuraan Ingilaandi mo’achuun xumuraaf kan geesse Arjentiinaan taphichaan akkuma taphoota darbanii durfamuurraa kaatee daqiiqaa dhumaa jala injifachuun taatee raajii seenaa waancaa addunyaa keessatti hin dagatamne katabachaa jirti.
Goolii Antoonii Goordon galcheen dursaa kan turte Ingilaandi, kubbaa miilaa Liyonel Meesii jalaa ka’aniin adabamtee dorgommichatti nagaa dhaammatteetti.
Eenzoo Fernaandes durfamuurra gara qixaatti fide, Laawutaaroo Martineez goolii injifannoo galchuun taphichis injifannoo Arjentiinaan Goolii 2fi0’n goolabame. Kubbaa goolii ta’an lamaanuu taphattoota garee biyyasaaf mijeessee kan kenne Liyoneel Meesiiti. Tapha xumuraa waancaa addunyaa 2026’tiinis dilbata Arjentiinaafi Ispeen kan morkan ta’u.
Arjentiinaan taphoota waancaa addunyaa alanaan tapha ramaddii garee J ‘ irraa tokkoffaan xumurte. Taphoota taphatte torba keessaa torba mo’atte. Tapha tokkollee hin mo’amne, qixas hin baane. Taphoota 7’ n Goolii 19 galchiteetti. Gooliin 9 ammoo irratti galeera. Yeroo sadii osoo Gooliin itti hin galiin tapha mo’atteetti.
Yeroo lama durfamuu irraa ka’uun daqiiqaa dhumaarratti goolii injifannoo galchuun taphoota mo’atte. Seenaa waancaa addunyaa keessattis Waggoota hedduun boodas yeroo lama biyya tapha xumuraaf geesseedha.
Arjantiinaan Waancaa Addunyaa bara kanaa harkatti galfachuuf tattaafii cimaa gochaa osooma jirtuu, sagaleen komiis irratti ka’aa tureera. Waancaa addunyaa 2026’tiin Arjentiinaaf loogii addaatu taasifamaa ture jechuun kan komatan daawwattoota qofa osoo hin taane, leenjistootaafi taphattoota dorgommicha irratti hirmaatan dabalateeti.
Isin daawwattoonni ‘OBN Cyber Media’ gahumsa Arjentiinaa alanaa akkamitti ilaaltan? Waancaa addunyaa 2026 eenyuutu mo’ata jettu? Yaada keessan nuuf qoodaa.








