Home Oduu “Balballi nagaaf baname ammas hin cufamne.” Pirezidaanti Shimallis Abdiisaa

“Balballi nagaaf baname ammas hin cufamne.” Pirezidaanti Shimallis Abdiisaa

0

‘OBN Cyber Media’ Adoolessa 12,2018
Pirezidaantiin MNO Obbo Shimallis Abdiisaa, Yaa’ii Idilee Caffee Oromiyaa 11ffaa Waggaa 5ffaa Bara Hojii Caffee 6ffaa irratti gabaasa raawwii hojii bara 2018 dhiyeessaaniin, Filannoon marsaa 7ffaa karaa dimokirataawaafi haqa qabeessaan filatamee sagaleen ummataas kabajamuun shaakallii mirga dimokiraasii biyya keenyaa sadarkaa tokko ol kaaseera jedan, Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa

Filannoo baranaarratti qaamoleen taajjabdootaa biyya alaafi hundaa olitti ummatni Itiyoophiyaa gaheesaa adda durummaan bahuun yeroo kamiinuu caalaa dimokiraasummaan filanichaa kan itti mirkanaa’eedhas jedhan.

Filannoon baranaa karaa nagaa akka filatamuuf qindoominni qaamoleen nageenyaa karoora of-danda’een hogganamuun filannoo dura, guyyaa filannoofi filannoon boodas rakkoon nageenyaa kamiiyyuu akka hin uumamneef hojjetaa turaniirus jedhan.

Kanaanis ololaafi yaalii humnootni nagaa hin feene gaggeessaa turaniif osoo gurra hin kenniin hawaasni nagaan bahee kaardii filannoo akka fudhatuufi sammuu bilisaatiin abbaa barbaade akka filatuuf haalli mijaa’aan uumamee filannoon karaa nagaatiin filatamuu ibsan.

Hawaasnis olola afarfamuuf osoo gurra hin kenniin aarsaa kaffaluun sirna dimokraasii akka biyyaatti ijaaruuf deemamu akka milkaa’uuf gumaachuun seenaa haaraan akka galmaa’u gochuusaa, Pirezidaanti Shimallis galateeffatan.

Mootummaan nageenya mirkaneessuufi olaantummaa seeraa kabachiisuuf xiyyeeffannoo hojjechaa jiraachuus dubbatan.

Rakkoolee siyaas-dinagdeefi nageenyaa wal-xaxaa addunyaa qoraa jiran akka carraatti fayyadamuun gantoonni seenessa boodatti hafaa leellisan nagaafi tasgabbiin akka hin uumamne wixxifachaa turuu ibsan.

Humnootni kunneen ergamaafi deeggarsa diinota biyya alaafi keessaa fudhachuun namoota nagaa galaafachuu, qabeenya saamuufi barbadeessuun seenaa hin taane ofirratti galmeessaniiru jedhan.

Humni wal-hin fakkaanne, kaayyoo walii-faallaa qaban miira inaaffaa qaban milkeeffachuuf qofa gamtoomanii biyyaafi lammiilee nagaarratti gantummaafi gocha gara-jabinaa raawwachuun qaanii ta’uus ibsan.

Ta’us mootummaan qaamolee garaa garaa waliin qindoomee tarkaanfii olaantummaa seeraa kabachisuu fudhateen akeekasaanii maseenseera jedhan.

Qaama waamicha karaa nagaa fudhatee nagaan qabsaa’uu filatuuf balballi nagaaf baname ammas hin cufamne jedhan.
Mootummaan rakkoo nageenyaa furuuf hojii tarkaanfii olaantummaa seeraa kabachiisuu hojjetuun cinatti, kanneen waamicha nagaaf owwaatan simachuun leenjii haaromsaa fudhatanii ijaaramuun jireenya idileetti akka deebi’an hojjetaa jira jedhan, Pirezidaanti Shimallis.

Ammas taanaan mootummaan qaama waamicha nageenyaa simatee karaa nagaa qabsaa’uuf qalbii jijjiirateef balballi nagaaf baname kan hin cufamne ta’uu ibsan.

NO COMMENTS

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Exit mobile version