ย โ€œ๐ƒ๐š๐ง๐๐ž๐ž๐ญ๐ญ๐ข๐ข ๐Ž๐จ๐ฆ๐ข๐ฌ๐ก๐ญ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐š๐š: ๐…๐š๐ฅ๐š๐š๐ฌ๐š๐ฆ๐š ๐‚๐ž’๐ฎ๐ฆ๐ฌ๐š ๐๐š๐š๐๐ข๐ฒ๐ฒ๐š๐š๐Ÿ๐ข ๐Œ๐š๐ ๐š๐š๐ฅ๐š๐š ๐Ž๐ซ๐จ๐ฆ๐ข๐ฒ๐š๐šโ€- PMNO Obbo Shimallis Abdiisaa

Date:

โ€˜OBN Cyber Mediaโ€™ Waxabajjii 29,2018

Seenaa guddina hawaasaa keessatti, badhaadhinni baayโ€™ina qabeenyaatiin osoo hintaane, dandeettii qabeenya gara humna oomishtummaa qindaaโ€™atti jijjiiruutiin murtaaโ€™eera. Biyyoonni tokko tokko badhaadhina isaanii caasaalee ijaarsatiin agarsiisan; kaan ammoo dandeettii oomishtummaa ummata isaanii qindeessuun ijaaran. Garaagarummaan isaanii bu’uuraalee misoomaa qabaachuu ykn dhabuu miti; falaasama misoomaa isaanii keessatti argama.

Har’as gaaffii murteessan sunuma; โ€œmisooma jechuun maal jechuudha?โ€ Yeroo baay’ee misoomni biyya tokkoo, waan ijaan muldhatuun madaalama.

Gaaffileen baramanis: daandii meeqatu ijaarame? Gamooleen samii tuqan meeqatu dhaabbate? Magaalaan hammam baldhate? Yaaโ€™insi invastimantii hagam dabale? kan jedhanidha. Gaaffiileen kunniin barbaachisoo ta’anis, imala seenaa kan murteessan miti. Gaaffii murteessaan tokko; innis, โ€œ๐——๐—ฎ๐—ป๐—ฑ๐—ฒ๐—ฒ๐˜๐˜๐—ถ๐—ถ๐—ป ๐—ผ๐—ผ๐—บ๐—ถ๐˜€๐—ต๏ฟฝ๏ฟฝ๐˜‚๐—บ๐—บ๐—ฎ๐—ฎ ๐˜‚๐—บ๐—บ๐—ฎ๐˜๐—ฎ๐—ฎ ๐—ต๐—ฎ๐—ด๐—ฎ๐—บ ๐—พ๐—ถ๐—ป๐—ฑ๐—ฎ๐—ฎโ€™๐—ฒ?โ€  kan jedhu.

Seenaa addunyaa keessatti biyyoonni magaalota gurguddoo ijaaran hedduudha. Kanniin โ€˜sirna hawaasa omishaaโ€™ ijaaran garuu muraasa. Magaalaan โ€˜niguddataโ€™; hiyyummaan garuu ittifufa. Bu’uuraaleen misoomaa nibabaldhatu; qabeenyi garuu hinuumamu. Kanaafuu, guddinni marti misooma miti. Misooma jechuun qabeenya dabaluu qofa miti; dandeettii oomishtummaa qindaaโ€™aa ijaarudha.

Misoomni dhugaa yemmuu humnoonni oomishaafi buโ€™uuraaleen omishaa marti โ€” nama, beekumsa, ogummaa, dhaweessummaa, kaappitaala, qabeenya umamaa, meeshaalee omishaa, teknoolojii, dhaabbileefi mootummaa โ€” sirna tokko keessatti walitti hidhamanii dandeettii oomishtummaa qindaa’aa ta’an qofa dhalata. Yaanni kun qajeelfama hojii mootummaa naannoo keenyaa qofa miti. Bu’uura falaasama misoomaa Mootummaa Jijjiiramaati.

Nuti misooma akka tarree pirojektoota adda addaatti hinilaallu. Akka adeemsa humnoota omishaafi buโ€™uuraalee omishaa, sirna oomishtummaa tokko jalatti qindeessuutti ilaalla.  Garaagarummaan kun kan hiika jechootaa qofa miti; garaagarummaa ilaalchaati. Misoomni yaada keessaa dhalata; sirna keessatti guddata; pirojektiin ammoo bu’aa isaa ta’a.

Yeroo hedduu, hiyyummaan qabeenya dhabuurraa hinmaddu. Qabeenya qindeessuu dhabuurraa madda. Ummanni kennaa umamaati; oomishtummaan garuu buโ€™aa hojii mootummaafi dhaabbileeti. Bishaan jiraachuu danda’a; omishni hinjiraatu. Laftii jiraachuu danda’a; galiin hinjiraatu. Dargaggoonni jiraachuu danda’u; hojiin hinjiraatu. Kanaaf rakkoo guddaan qabeenya dhabuu osoo hintaane, sirna oomishtummaa qabeenya jiru gara humna qabatamaatti jijjiiru ijaaruu dadhabuu ta’a. Hiyyummaan buโ€™aa dhaabbatummaati (institutional) malee buโ€™aa umamaa miti.

Ce’umsi yeroo muraasaaf milkaa’uu danda’a. Haataโ€™u malee sirna ta’uu baannaan hinfullaโ€™u. Kanaaf galmi  keenya jijjiirama jalqabuu qofa miti; jijjiirama sana dhaabbata, seera, hojimaata, aadaa hojii, sirna hoggansaafi mala jireenyatiin utubuudha.  Misooma waaraan dhaabbileedhan  jiraata.

Ija kanaan, nuuf mootummaa jechuun aangoo qofa miti; dandeettii oomishtummaa hawaasa ijaarudha. Mootummaan ofii qabeenya hinuumu; sirna qabeenyi itti umamu ijaara. daandii qofa hinijaaru; dinagdee daandii sanarraa dhalatu ijaara. Mana barnootaa qofa hinbanu; sirna oomishtummaa dhaloota dorgomaa achii maddu ofitti fudhatu ijaara. Bishaan qofa hindhiyeessu; sirna-ikkoo misooma jallisii gabeessummaa omisha qonnaa babaldhisu ijaara. Kanaaf, gaheen mootummaa pirojektii raawwachuu qofa osoo hintaane, sirna oomishtummaa dhaloota ittaanutti ceโ€™u ijaarudha.

Sirni oomishtummaa ofumaan hinijaaramu. Humnoonni oomishaafi buโ€™uuraaleen omishaa ofumaan walitti hinqindaaโ€™an. Qindeessaa barbaadu. Gaheen hoggansaas kanuma. Hoggansi qabeenya hinuumu; humnoonni oomishaafi buโ€™uuraaleen omishaa akka walitti hidhatanii sirna ta’an taasisa. Hoggansi tarsiimaโ€™oo, hojiilee takka lamee raawwachuu caalaa, sirna raawwii hojiilee ijaara.

Asirratti gaaffiin biroo nika’a. โ€œ๐— ๐—ถ๐˜€๐—ผ๐—ผ๐—บ๐—ป๐—ถ โ€˜๐—ฆ๐—ถ๐—ฟ๐—ป๐—ฎ ๐——๐—ฎ๐—ป๐—ฑ๐—ฒ๐—ฒ๐˜๐˜๐—ถ๐—ถ ๐—ข๐—ผ๐—บ๐—ถ๐˜€๐—ต๐˜๐˜‚๐—บ๐—บ๐—ฎ๐—ฎ ๐—ค๐—ถ๐—ป๐—ฑ๐—ฎ๐—ฎโ€™๐—ฎ๐—ฎโ€™ ๐—ถ๐—ท๐—ฎ๐—ฎ๐—ฟ๐˜‚๐˜‚ ๐˜†๐—ผ๐—ผ๐˜๐—ฎ’๐—ฒ, ๐—ฒ๐—ฒ๐˜€๐˜€๐—ฎ๐—ฟ๐—ฟ๐—ฎ๐—ฎ ๐—ท๐—ฎ๐—น๐—พ๐—ฎ๐—ฏ๐—ป๐—ฎ?โ€

Baroota dheeraaf addunyaan guddina magaalaa akka bu’uura misoomaatti ilaalaa ture. Yaanni sun guddinni magaalaa ofuma isaatii baadiyyaa akka jijjiiru kan abdatu ture. Haataโ€™u malee, seenaa keessatti yeroo hedduu faallaa isaatu taโ€™aa ture. Magaalaan omisha baadiyyaa fayyadama; baadiyyaan garuu sona magaalaa keessaa qooda madaalawaa hinargatu. Kunis qaamni lameenuu walqabatanii akka laamshaโ€™an taasise.

Kanaaf, gaaffii โ€œ๐—ฒ๐—ฒ๐˜€๐˜€๐—ฎ๐—ฟ๐—ฟ๐—ฎ๐—ฎ ๐—ท๏ฟฝ๏ฟฝ๐—น๐—พ๐—ฎ๐—ฏ๐—ป๐—ฎ?โ€ jedhuuf deebiin keenya ifa. ๐—›๐—ฎ๐—ฟ๐—ถ๐—ถ๐—ฟ๐—ผ๐—ผ ๐—ฏ๐—ฎ๐—ฎ๐—ฑ๐—ถ๐˜†๐˜†๐—ฎ๐—ฎ๐—ณ๐—ถ ๐—บ๐—ฎ๐—ด๐—ฎ๐—ฎ๐—น๐—ฎ๐—ฎ๐—ฟ๐—ฟ๐—ฎ๐—ฎ ๐—ท๐—ฎ๐—น๐—พ๐—ฎ๐—ฏ๐—ป๐—ฎ. Sababni isaas, hariiroon isaanii yoosirrate guddinni isaanii wal-utubee walfaana kaasa; yoodabes hiyyummaan isaanii walhammeessee walfaana dhidhimsa.

Kana jechuun rakkoo ijoon guddina magaalaa miti; hariiroo magaalaafi baadiyyaati. Buโ€™uuruma kanaan, Mootummaan Jijjiiramaa Naannoo Oromiyaa gaaffii sana guutummaatti garagalcheera. Kaayyoon keenya qonnaan bulaa gara magaalaatti godaansuu miti; magaalummaa gara qonnaan bulaatti geessuudha. Sababni isaas, namni tokko akka jijjiiramu baadiyyaa gadi lakkisuun isa hinbarbaachisu; bakkuma jirutti โ€˜sirna jireenyaaโ€™ isaa haaromsuun โ€˜jiruunโ€™ isaa akka jijjiiramu taasisuun nidanda’ama.

Magaalummaan โ€˜๐—ฏ๐—ฎ๐—ธ๐—ธ๐—ฎโ€™ miti; ๐˜€๐—ถ๐—ฟ๐—ป๐—ฎ. Bakka jireenyaa miti; Sirna jireenyaati. Gamoo miti; beekumsa; ogummaadha; dhaweessummaadha; dandeettidha. Daandii miti; hariiroo dinagdeeti. Tajaajila miti; sirna kenniinsa tajaajilaati. Omisha qofa miti; sirna dandeettii oomishtummaa qindaaโ€™aa humnootafi buโ€™uuraalee omishaa maraati.

Hubannoo kanaan, magaalummaa gara baadiyyaa geessina jechuun, gamoo gara baadiyyaatti geessuu miti; sirna mootummaa humna oomishtummaa qindeessu hawaasa biraan gahuudha. Akka humna to’annootti osoo hintaane, akka diriirsaa bu’uuraalee misoomaa, babaldhisaa beekumsaa, hidhachiisaa ogummaa, qindeessaa gabaafi uumaa carraa omishaatti. Akka qindeessaa humnoota oomishtummaatti. Walumaagalatti, akka dhaabbata ce’umsaafi qaroomina hawaasaa hoogganuutti.

Kunis taโ€™ee, gahaa miti. Bu’uuraaleen misoomaa ofumaan badhaadhina hinuuman. Daandiin ofumaan galii hinuumu. Humni ibsaa ofumaan hojii hinuumu. Bishaan ofumaan qabeenya hinuumu. Bu’uuraaleen misoomaa akka jecha tokkootti osoo hintaane, akka qubee tokkootti ilaalamuu qabu. Hiika misoomaa kan argatan, yemmuu walsimanii dandeettii oomishtummaa qindaaโ€™aa ta’an qofa.

Madaallii kanaan, ijaarsi bu’uuraalee misoomaa hojii keenya keessaa walakkaa qofa. Walakkaan hafu ammoo humnoota oomishtummaa hawaasaa sirna tokko keessatti walitti qindeessudha. Bu’uuraaleen misoomaa mataa isaanitiin misooma hinuuman; sirni gara humna oomishtummaatti isaan jijjiiru ijaaramuu qaba. Yaanni ๐—›๐—”๐—”๐—ฅ๐—ข๐— ๐—˜๐—˜s bu’uura yaada kanaarraa madde.

Haaromeen pirojektii mana jireenyaa miti. Magaalaa haaraa qofa miti. Dhaabbata ce’umsaa sirna oomishtummaati. Bakka humnoonni oomishtummaa walitti dhufanii sirna haaraa jalatti qindaa’anidha. Bakka qonnaan bulaan jireenya isaa qofa osoo hintaane, ilaalcha hojii isaa, eenyummaa dinagdee isaa, mala omishaa isaafi hariiroo gabaa waliin qabu itti haaromsudha. Haaromeen bakka namni itti qubatu qofa miti; bakka sirni oomishtummaa haaraan itti dhalatu, guddatuufi of-haaromsudha.

Bu’uuruma kanaan, yaanni pilaanii misooma magaalotaafi ceโ€™umsa baadiyyaa keessatti  “Qe’ee Qonnaan Bulaa – Haaromee” jechuun ibsame hojiirra oolaa jira. Magaalonni tarsiimoo akka Adaamaa, Shaggar, Bishooftuufi kanneen biroo naannawa baadiyyaa bulchiinsa isaanii keessatti dhaabbilee Haaromee babaldhisaa jiru. Kun babaldhina mana jireenyaa qofa miti; babaldhina dandeettii oomishtummaati.

Qonnaan bulaan Haaromeetti makamuuf, naannawa isaa gadi hinlakkisu. Lafuma isaarratti sirna dinagdee haaraa keessa gala. Haaromeetti qonni harkaa-gara-afaanii irraa gara harkaa-gara-gabaatti ce’a. Qonni omisha uuma. Omishni kaappitaala uuma. Kaappitaalli invastimantii uuma. Invastimantiin indastirii uuma. Indastiriin hojii uuma. Hojiin galii uuma. Galiin badhaadhina uuma. Badhaadhinni ammoo dandeettii oomishtummaa caalaatti ijaara.

Kanaaf Haaromeen baadiyyaafi magaalaa gidduu dhaabbatus, dhimma qonnaa qofa miti. Dhimma magaalaa qofas miti. Dhimma mana jireenyaa qofas miti. Mala mootummaan ce’umsa hawaasni keenya gara sirna dandeettii oomishtummaa qindaaโ€™etti taasisu ittiin hoogganu keessaa isa tokko. Dhaabbata ce’umsaa, Oromiyaan hawaasa oomishtummaan isaa sirnaaโ€™e ittiin ijaarratu keessaa isa tokko.

Asirratti hiikni magaalomsuu nijijjiirama. Magaalomsuun daangaa magaalaa babaldhisuu miti; daangaa oomishtummaa hawaasaa babaldhisuudha. Magaalaan guddachuu qofti milkaa’ina miti. Baadiyyaan omishuu dandaโ€™uu qoftis milkaa’ina miti. Milkaa’inni dhugaa yemmuu humnoonni omishaafi buโ€™uuraaleen omishaa magaalaafi baadiyyaa, sirna omishaa tokko jalatti qindoomanii dandeettii oomishtummaa hawaasaa dabalan qofa argama.

Kana jechuun baadiyyaa gara magaalaatti jijjiiruu miti. Magaalaafi baadiyyaa gara sirna oomishtummaa walsimaa tokkootti ceesisuudha.

Qabsoon Oromoo mirga siyaasaa yeroo dheeraa madaaโ€™eef goonfateera. Haataโ€™uutii, mirgi siyaasaa dandeettii dinagdee oomishtummaatiin yoo hindabaalamne, yeroo dheeraa of-tiksuu hindanda’u. Bilisummaan siyaasaa beekamtii mirga of-taโ€™uuti. Bilisummaan dinagdee humna mirga oftaโ€™uu qabatamaan jiraachuti. Bilisummaa waaraan ammoo walsima lamaan isaaniirraa dhalata.

Kanarraa kaโ€™uun, gaaffiileen โ€œMagaalaan hammam baldhate?โ€ โ€œPirojektii meeqatu eebbifame?” jedhan har’a murteessoo miti. Gaaffii murteessaan,”Hawaasni keenya dandeettii oomishtummaa hagam horate?” kan jedhu.

Egereen Oromiyaa bakkaan (magaalaa/baadiyyaa) hinakeekamu. Dheerina gamootiin hinmurteeffamu. Egereen ummata keenyaa sadarkaa dandeettiin omishtummaa hawaasaa itti ijaarameen murteeffama. Harka hawaasa dandeettii  omishtummaa horateetiin barreeffama. Hundaa olitti, โ€˜Sirna Bulchiinsaaโ€™ humnoota omishaa, buโ€™uuraalee omishaa, dhaabbileefi teknoolojii sirna oomishtummaa tokko keessatti ijaaruu dandaโ€™een barreeffama.

Milkaaโ€™inni mootummaa tokkoo, pirojektoota gurguddoo raawwachuun qofa osoo hintaane, pirojektoota sana gara sirna dandeettii oomishtummaatti ceesisuun madaalama.

Kanaaf, misooma Oromiyaa jechuun, baayโ€™ina pirojektootaa miti; sirna dandeettii oomishtummaa qindaaโ€™aa hawaasaati. Hawaasa dandeettii oomishtummaa qabu ijaaruun, sirna cimaa ijaarudha. Sirna oomishtummaa cimaa ijaaruun badhaadhina ijaarudha.

Kun hiika haaraa magaalomsuu qofa miti; hiika haaraa ce’umsa baadiyyaa qofa miti. Kun ๐—™๐—ฎ๐—น๐—ฎ๐—ฎ๐˜€๐—ฎ๐—บ๐—ฎ ๐— ๐—ถ๐˜€๐—ผ๐—ผ๐—บ๐—ฎ๐—ฎ ๐—ข๐—ฟ๐—ผ๐—บ๐—ถ๐˜†๐—ฎ๐—ฎti.

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

Mulโ€™ataa Rakkina keessa Taaโ€™anii Milkaaโ€™ina Arguu!

Dhaweessummaa: Mulโ€™ataa Rakkina keessa Taaโ€™anii Milkaaโ€™ina Arguu! Addunyaa harโ€™aa keessatti...

Imalli gara Dhaweessummaa akkamiin jalqaba?

Imalli gara Dhaweessummaa akkamiin jalqaba? Dhaweeyyiin (entrepreneurs) warra rakkoo isaan...

” TPLF Waraanaaf Dargaggoota Adamsaa jira.” Jiraattota

OBN Cyber Media Waxabajjii 29, 2018 Biiroon Bulchiinsaa fi Nageenyaa...

“Dargaggoonni dogoggora murna TPLF irraa barachuun hawaasa bilisa baasuuf ashaaraa kaaโ€™uu qabu” Obbo Gu’iish Giday โ€Ž

'OBN Cyber Media' Waxabajjii 29,2018 โ€Ž โ€ŽObbo Gu'iish Giday hawaasni...