“OBN Cyber Media’ Qophiileefi qabiyyeewwan haaraa qopheessuun weebsaayitii mataasaatiin hojii eegaleera”-Gaazexeessaa Efreem Tafarraa

Date:

‘OBN Cyber Media’Mudde 26,2017-OBN Chaanaalii 5ffaa ‘OBN Cyber Media’ bakka hoggantoonni olaanoo mootummaa Naannoo Oromiyaa, federaalaa, hoggansiifi gaazexessitoonni OBNfi keessummoonni argamanitti Magaalaa Bishooftuutti eebbiseera.

Chaanaaliin ‘OBN Cyber Media’ toorawwan miidiyaa hawaasaa Yuutuubii, Feesbuukii, Tiiktookii, Telegiraamaafi ‘Whats up’iin qabiyyeewwan oduufi qophiilee bohaarsaa barsiisan qopheessuun uummata biraan gahaa jira.

Chaanaaliin ‘OBN Cyber Media’ erga hundaa’ee baatiiwwan jaha keessatti toorawwan miidiyaa hawaasaa qabuun maamiltota hedduu horachuu, Daarektara Olaanaa itti aanaafi Hogganaan Muummee ‘OBN Cyber Media’ Gaazexeessaa Efreem Tafarraa ibsan

‘OBN Cyber Media’ qophiileefi qabiyyeewwan haaraa qopheessuun weebsaayitiifi moobaayil Appii mataasaatiin hojii eegaluu ibsan.

‘OBN Cyber Media’ Weebsaayitii OBN ‘obn.com.et‘ jedhuun qabiyyee garaa garaa teknooloojii haaraan deeggaree iddoo tokkotti qophesssee tamsaasaa jiraachuu eeran.

Chaanaalichi qophiilee Qaruuxee Show, Afrii Show, ‘Matsiheet Show’ Oduu ‘OBN Cyber Media’fi kanneen biroo qopheessee tamsaasuu eegaluus eeran.

Yeroo ammaas qophiilee kanneen Haqabaas,Walumaan Show, Milkom Talent Show, ‘Oro Tech Learning’ fi kanneen biroo tamsaasuuf qophii xumure hojiitti galuus Daarektara Olaanaa itti aanaafi Hogganaan Muummee ‘OBN Cyber Media’ Gaazexeessaa Efreem Tafarraa himaniiru.

Kana malees,miidiyaan hawaasaa maqaa OBN’n fakkeessanii hawaasa burjaajessan jiraachuu eeruun, Chaanalichi weebsaayitiifi MOBILE APP mataasaatiin hojii eegaluun odeeffannoo sobaafi dogogoraa dhabamsiisuu keessatti  gumaacha olaanaa ni qabaatas jedhan. Wandimmaagany Asaffaan.

 

 

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

Warshaan baala shaayii Oromiyaa dhugoomaa jira.

'OBN Cyber Media' Adoolessa 21,2018. ‎Inisheetiiviin misooma baala shaayii Naannoo...

“Itiyoophiyaan rakkoolee waloo Afrikaa hiikuuf kutannoo cimaa qabdi.”Ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoo

‘OBN Cyber Media’ Adoolessa 21, 2018 Itiyoophiyaan walitti hidhamiinsa mootummoota...

“Gamtaan Afrikaa fayyadamummaa ardichaa mirkaneessuuf hojjetaa jira.” Mahaammad Alii Yusuuf

‘OBN Cyber Media’ Adoolessa 21,2018 Walga'ii Idileen 49ffaa Hojii Raawwachiiftuu...

“Africa Must Become a Strategic Actor in a Changing Global Geopolitical Landscape” :Dr. Gedion Timothewos

OBN Cyber Media -July 28, 2026Ethiopia's Minister of Foreign...