“OBN Istuudiyoo kiraa daqiiqaa 30 irraa ka’ee har’a abbaa Chaanaalii 5 ta’eera” -Gaazexeessaa Fissahaa Balaayineeh

Date:

‘OBN Cyber Media’ Mudde 26, 2017-OBN Chaanaalii 5ffaa ‘OBN Cyber Media’ bakka hoggantoonni olaanoo Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Federaalaa, hoggansiifi Gaazexessitoonni OBNfi keessummoonni argamanitti Magaalaa Bishooftuutti eebbifame.

Sirna eebbaa kanarrattis Daayirektarri Olaanaa OBN Gaazexeessaa Fissahaa Balaayineeh ergaa dabarasaniin, OBN Istuudiyoo kiraa daqiiqaa 30 irraa ka’e har’a abbaa Chaanaalii 5 ta’eera jedhaniiru.

Waggoota darban OBN gaafa qabsoofi xiiqiis uummata Oromoofi Itiyoophiyaa biraa hin hafne; ammas waliin hojjechaa jira.

OBN har’as gumaacha isaa caalaatti cimsuuf tooftaa miidiyaa biraa mil’achuun dirqama akka ta’e murteesseera.

OBN, fuula miidiyaa hawaasaa ‘Facebook’ fi

‘Youtube’banee tajaajila kennuu kan eegale bubbulus, fedhii daawwattoota keenya hin guunne; kana hubachuunis OBN Chaanaalii 5ffaa ‘OBN Cyber Media’ jedhu qabatee as baheera jedhan, Daayirektarri Olaanaa OBN Gaazexeessaa Fissahaa Balaayineeh.

Chaanaalii kanaanis sagantaalee haaraa 9 dabalatee, yeroo itti aanuutti qabiyyee haaraa biroo dabalachuun, OBN daran cimsaa maqaafi kabaja biyya keenya kan itti olkaasnus jedhan. Ayinaalem Tarrafaatu gabaase.

1 COMMENT

  1. Dhugaa keessan Daqiiqaa 30 irraa kaee asi gahuun. Hojii gaariidha. Mee yoo dandeetan gazexosoota durii barbaada interview tasiisaa . Jalqaba Biiroo Beekssisa oromiaa turn. Good Job. Jabaadhaa.

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

Warshaan baala shaayii Oromiyaa dhugoomaa jira.

'OBN Cyber Media' Adoolessa 21,2018. ‎Inisheetiiviin misooma baala shaayii Naannoo...

“Itiyoophiyaan rakkoolee waloo Afrikaa hiikuuf kutannoo cimaa qabdi.”Ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoo

‘OBN Cyber Media’ Adoolessa 21, 2018 Itiyoophiyaan walitti hidhamiinsa mootummoota...

“Gamtaan Afrikaa fayyadamummaa ardichaa mirkaneessuuf hojjetaa jira.” Mahaammad Alii Yusuuf

‘OBN Cyber Media’ Adoolessa 21,2018 Walga'ii Idileen 49ffaa Hojii Raawwachiiftuu...

“Africa Must Become a Strategic Actor in a Changing Global Geopolitical Landscape” :Dr. Gedion Timothewos

OBN Cyber Media -July 28, 2026Ethiopia's Minister of Foreign...