Home Ispoortii Warra Paarisi moo Landantu tikkeettii gara Muunik isaan imalchiisu kutata?

Warra Paarisi moo Landantu tikkeettii gara Muunik isaan imalchiisu kutata?

0

‘OBN Cyber Media’ Ebla 29,2017-Chaampiyoonsi Liigii Awurooppaa tapha deebii walakkaa xumuraan har’a halkan sa’aatii 4:00 irraa eegaluun PSG’n siidaa Eefil Taawor irraa kiiloo meetira 4.5 fagaatee Istaadiyeemii isaa argamu Paarkii Des Piriinsitti Arsenaal waliin taphata.

Warri Paaris tapha jalqabaan gara Landan deemanii Emireetisitti goolii Usman Dembeleen daqiiqaa 4ffaarratti galcheen 1 fi 0’n injifatanii mirgaan galan.
Taphni sun tapha PSG’n yeroo jalqabaaf Arsenaal injifate yoo ta’u, Arsenaal Chaampiyoonsi Liigiin taphoota 15 booda dirree ofiirratti harka kenne.


Lu’is Henerikeen garee PSG dargaggootaan ijaaran kanaan dirreefi deeggartoota ofii fuulduratti taphachuun tapha har’aanis tilmaama injifannoo argataniiru.


Arsenaal taphata jalqabaan daqiiqaa 20 booda  fooyya’aa deemus, Toomaas Paarteen adabbiin osoo hin taphatin hafuun sararri gidduu kilabichaa akka caallamu godhe.
Tapha har’aa kanaan garuu Paarteen deebi’uun warra “The Gunners” onnachiisuun erga bara 2006 as waggoota 19 booda waancaaf gahuuf akka abdatan godheera.


Arsenaal tapha har’aan maloota yoo fayyadame taphicha injifachuuf carraa qabu keessaa tokko tooftaa taphataa 4-4-2 irraa 4-2-3-1 fayyadamuudha.


Tapha jalqabaan daqiiqaa 20 booda Miikeel Arteettaan erga toftaa taphataa 4-4-2 irraa gara 4-2-3-1’tti jijjiiree caalmaa taphaa PSG’n harka 70’n fudhatee taphachaa ture deebifachuun harka 55’n tapha to’atee taphicha xumure.


Tooftaa taphaa 4-2-3-1 kanaan Maartiin Odeegaardi gara duubatti siqee akka taphatu gochuun Viitiinaa hordofee kubbaa irraa buufachuufi kubbaan akka isa bira hin geenye ergama fudhate.


Taphataan sarara gidduu PSG Viitiinaan tapha tokkon daqiiqaa 90 keessatti yeroo 117 kubbaa tuquufi kubbaa kallattii eeggatan 98 hiriyootasaaf kennuun akkuma liigota gurguddoo Awurooppaattuu taphataa Baayer Muunik Jooshuwaa Kiimichitti aanuun sadarkaa 2ffaarratti argama.


Toomaas Paarteen adabbiirraa deebi’uun immoo tooftaa taphaa kanaaf caalatti Arsenaal fayyaduu danda’a.


Lammaffaan akka gareen Unaayi Emirii Astoon Viilaan dirree ofiirratti onnee guutuun PSG waliin morkatee 3 fi 2’n mo’ate taphattoonni Arsenaalis onnee akkasii qabaachutu irraa eegama.


PSG’n qabxii waliigalaan goolii 5 fi 4’n Astoon Viilaa injifatee walakkaa xumuraaf haa gahuyyu malee, Leenisaan PSG Lu’is Henerikeen gareen koo akka tapha Astoon Viilaan caallameetti to’atamee hin beeku jechuun Viilaaf ragaa bahanii turan.


Sadaffaan kubbaa dhaabaterraa carraa goolii uumudha. Arsenaal bara kana kubbaa dhaabaterraa goolii 14 galcheera. PSG’n Liigii Firaansiin kubbaa dhaabate irraa gooliin 10 itti galeera.


” Chaampiyoonsi Liigii Awurooppaan xumuraaf gahuuf waan addaa hojjechuu qabda. Nutis Paarisitti waan addaafi seenaa hojjechuuf deemna, waan haasofnu immoo dirree keessatti gochaan agarsiisna.” Miikeel Arteettaa.


“Morkataan keenya tapha jalqabaan qabxii barbaadu waan hin arganneef akka nu rakkisu ni beekna, kanaaf gahumsa tapha marsaa jalqabaan agarsiifnetti dhihaatu mul’isuufi yaada keenya dhugaa waliin turuu qabna.” Lu’is Henerikee.


Kilaboota seenaa isaanii keessatti waancaa Chaampiyoonsi Liigii Awurooppaa argatanii hin beekne PSG fi Arsenaal keessaa kilabiin mo’ate, Caamsaa 23, tapha xumuraan Munik Aliyaanzi Areenaatti waancaaf fudhachuuf Intar Miilaan qabxii waliigalaa goolii 7 fi 6’n Baarseloonaa injifatee darbe waliin morkatu.


Eenyutu waancaaf Intar Miilaan waliin morkata? Paarki Des Piriinsi Tiyaatira Lu’is Henerikeefi Miikeel Arteettaan qophaa’e kana keessummeessuun, PSG ykn Arsenaal gara Muunik erguuf qophii xumure.
Girmaa Bayyanaatin.

NO COMMENTS

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Exit mobile version