Home Ispoortii Miseensonni ABO Shanee 73 booji’aman.

Miseensonni ABO Shanee 73 booji’aman.

0

‘OBN Cyber Media’ Ebla 29, 2017-Godina Shawaa Lixaa Aanaa Meettaa Roobiifi naannawaasheetti Oppireeshinii Qindaa’aa ABO Shanee irratti raawwatameen miseensa garichaa irratti tarkaanfiin garaa garaa fudhatamuun ibsameera.

Raayya Ittisa Biyyaatti Ajajaan Koorii 401 Koloneel Rashaad Ibraahiim tarkaanfii olaantummaa seeraa naannichatti mirkaneessuuf ABO shanee irratti fudhatameen miseensonni garichaa 73 booji’amuun ibsaniiru. Kana malees, meeshaaleen waraanaa addaa addaa to’atamuu himaniiru.

Bulchaan Godina Shawaa Lixaa ,Obbo Didhaa Guddataa Nageenya Godinichaa mirkaneessuun hawaasni nagaan ba’ee akka galuuf hojii hojjetamaa jiruun bu’aan argameera jedhan.

Pirezidaantii itti aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Obbo Awwaluu Abdii, Oromiyaatti hojii nageenya mirkaneessuuf tarkaanfii fudhatamaa jiru keessatti hirmaannaa hawaasaa guddaa ta’uu himan. Alamuu Oliiqaatu gabaase

NO COMMENTS

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Exit mobile version