Home Oduu Waliigalteen waraana Gaazaa dhaabsisuuf mallatteeffame hangam amansiisaadha?

Waliigalteen waraana Gaazaa dhaabsisuuf mallatteeffame hangam amansiisaadha?

0

Haleellaa Onkoloolessa 7 Hidhattoota Hamaasiin Israa’elootaafi lammilee biyyoota alaa irratti raawwatameen lubbuun namoota kuma 1fi dhibba 2 galaafatamuu hordofee waggoota lamaaf goolama hamaa Gaazaa keessa tureen, Paalestiinota 67,000 ol akka galaafatamaniif sababa ta’eera.

Walwaraansa hamaa manca’insa guddaa fide kana kan xumura itti godha jedhamee abdatame walii galteen waraana dhaabu Iraa’eliifi Hamaas gidduutti mallatteeffame.

Lammilee mana hidhaa jiranis gareen lamaanuu wal jijjiiran. Kun ammoo walii galtichi akka abdatamu caalaatti lubbuu itti hore.

Ofii maaltuu jedhame? Dhuguma walii galteen kun dhangala’uu dhiigaa guyya guyyaatti dhagaa’amu ni hambisaa?

Waliigalteen seena qabeessi waraana Gaazaa dhaabsisuufi nagaa waaraa Baha Giddugaleessaatti fidu mallatteeffame jedhan Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaaldi Tiraampi.

Waliigalteen waraana Gaazaa dhaabsisuu kaayyeffate bakka Pirezidaantonni Ameerikaa, Ijiipti, Tarkiyyee, Qaataarifi Bulchiinsa Paalaastin argamanitti Ijiiptitti mallatteeffame.

Waliigalteen nagaa Shaarmi El Sheek irratti mallatteeffame kun boqonnaa jalqabaa waliigaltee waraana dhaabuu Isiraa’elfi Hamaas gidduutti jaarsummaa cimaa Qaataar, Ijiipti fi Tarkiiyyeen mallatteeffamedha.

Waliigalticha ilaalchisuun Pirezidaanti Tiraampi akka dubbatanitti, walii galtichi akka milkaa’uuf namoonni hedduun qabsaa’aafi kadhachaa turaniiru.

Tiraampi waliigaltichi sadarkaa kanarra ga’uuf yeroo dheeraa akka fudhate eeranii, waliigalteen mallatteeffame ni milkaa’a jedhanii akka amanan dubbataniiru.

Dararaafi dhangala’uu dhiigaa barootaa booda waraanni Gaazaa xumuramuu kan dubbatan Pirezidaanti Tiraampi, biyyoota bu’aan kun akka dhufuuf hojjetan galateeffataniiru. Hojiin Gaazaa deebisanii dhaabuu eegalamuus himaniiru.

Kun kanumaan utuu jiruu Dhaabbanni Tola oolaan biyya Ingilaanitti argamu ogeeyyii boombii dhabamsiisan 100 gara Gaazaatti erguuf karoorsuu beeksiseera.

Boombiiwwan hin dhoo’in kumaatamaan lakkaawwaman qulqulleessuuf waggaatti hanga Paawundii Miliyoona 60 akka gaafatuufi ariifatanii gara hojii deebisanii ijaaruutti seenuun, balaawwan fiduu akka danda’u akeekkachiisan.

Walii galteen kun goolama Gaazaaf nagaa waaraa ni buusaa? Yaada keessan nuuf barreessaa.

Aljazeeraa, CNNfi BBC irraa odeeffanne.

Henook Baqqalaan

NO COMMENTS

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Exit mobile version