Home Oduu “Dacheen kubbaa taphadhe irraa qurxummii kiyyeesseen maamiltoota sooraa jira”- Dargaggoo Ismaayil Mohammad

“Dacheen kubbaa taphadhe irraa qurxummii kiyyeesseen maamiltoota sooraa jira”- Dargaggoo Ismaayil Mohammad

0

Beenu shirri shirri  Haramaayaa deemnaa doonii yaabbannee wajjin gammanna  jettee Wallisfteetti amma bakka dhugaa kan jirtu Artist Haloo Dawwee osoo Haroon Haramaayaa hin badiin dura.

Abbabaa Abbishuu “Bishaan Haroo Haraamayaa doonii malee Miilaan seentee nan yaachisiin yaa jaalallee,” jechuun guddina Haroo kanaa jaalalatti qabee weelliseeraaf.

Haroon guddichi Harargee akkasitti faarafameefii simboo Haramaayaa/Maayaa ture kun gidduutti bade.

‎Haroon moggaasa magaalaa Haramaayaa ta’e kun baduun kan quuqeen Weellistuu Faaxee Aniyyaa ammoo, “Bishaan Haramaayaa maaliif nurraa gogdaa? nuti sima abdannaa argatee keetuu nuuf soora “jette. 

‎Haroon Haramaayaa waggaa 15 oliif yeroo bade sana Artistootaan sirbameeraaf. Akka jiraattota naannawaa sana irraa odeeffannetti, yeroo Haroon Haramaayaa bade, dacheen dhukee taate lafa duwwaa irratti dargaggoonni kubbaa taphataa turan.

 Balfi magaalaa Haramaayaa keessaa ba’us irrattis gatameera. Kana kan argan keessaa tokko Dargaggoo Ismaayil Mohammadidha.

Ismaayil kutaa magaalaa Haramaayaatti dhalatee guddate, dargaggoota yeroo sana bakka Haroon kun badetti kubbaa itti taphachaa turan keessaati.

‎Dacheen kaleessa goge har’a qurxummiitu keessaa burraaqa.

‎Ismaayil fa’a waldaa miseensa 15 qabuun gurmaa’anii qurxummii Haroo kana keessaa ba’e waadanii maamiltoota isaaniitiif dhiyeessu.

‎Waaddiin Qurxummii maddi isaa Haroo Haramaayaa ta’e  mixmiixaan tuqnee yoo dhamdhamnu mi’aafi urgaan isaa akka  biraa deemanu hin ayyamu.

‎namoonni qurxummii soorachuuf qarqara Haroo sanaa dhaqanis kana dhugaa bahan.

‎Qarqarri Haroo Haramaayaa bakka balfi itti gatamu ture sun, yeroo ammaa pirojektootaan misoomee, iddoo aara-galfii fi madda carraa hojii ta’eera.

Waldaaleen 9 miseensa nama 64 qabanis sababa Haroo Haramaayaa kanaan carraa hojii argachuu, Bulchaan kutaa magaalaa Haramaayaa obbo Abdurahamaan Shaarbuu irraa odeefanne.

Haroon Haramaayaa erga deebi’ee, dargaggoota 64’f carraa hojii uumeera.

Jireenyaa Yaadataan

NO COMMENTS

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Exit mobile version