Waa’ee Dilbii Dijitaalawaa (Digital Real Estate) maal beektu? 

Date:

‘OBN Cyber Media’ Amajji 19,2018

Yeroo baay’ee yommuu waaʼee qabeenyaa (wealth) dubbannu, kanneen sammuu keenyatti dhufan Gamoo, Konkolaataa, lafa fa’adha. Garuu addunyaan jijjiiramteetti.

Amma yeroo kana, xiyyeeffannoo addaa argataa kan jiru, Dilbii dijitaalawaa (Digital Real Estate) dirree onlaayinii (online) irratti hojjetamudha.

Akkuma mana ykn Gamoo ijaaranii kireeffachuun galiin irraa argamu, addunyaan onlaayinii kun bakka giddu galli gabaa (𝑚𝑎𝑙𝑙) itti ijaaramu, irratti bitamuufi gurguramu ta’uun dilbii (real estate) onlaayiniirratti uumaa jira.

Dilbii Dijitaalawaan (Digital Real Estate) kun Itiyoophiyaa keessatti karaa sadiin mul’ataa jira.

1𝑓𝑓𝑎𝑎. Weebsaayitii dhuunfaa (Own Website) uummachuun.

Lafa kaartaa qabu qabaachuu jechuu dandeenya.

Weebsaayitiin qabeenya dijitaalaawaa dhugaa dha; namni si jalaa fudhachuu hin dandaʼu. Namni weebsaayitii dhuunfaa qabu tokko beeksisa (Ads) maxxansuun galii irraa argachuu danda’a.

Dursa garuu sirriitti of beekaisuun fudhatamummaa horachuu qaba.

2𝑓𝑓𝑎𝑎. Fuulota Miidiyaa Hawaasaa (Social Media Pages)

Isa kanaan Mana kireeffatamu jechuu dandeenya.

Yeroo ammaa kana baay’ee beekamaa dha. TikTok, YouTube, Facebook ykn Telegram irratti chaanaalii banatanii hojjetama.

Fa𝑘𝑘𝑒𝑒𝑛𝑦𝑎𝑎𝑓 namni hordoftoota (𝑓𝑜𝑙𝑙𝑜𝑤𝑒𝑟𝑠) miiliyoonaan lakkaa’aman qabu beeksisa ittiin hojjechuun maallaqa argachuu danda’a.

Namni naannoo Addabaabayii Masqalaarraa mana daldalaa kireeffatee qabu, sababa namoonni baay’een achitti wal ga’aniif daldala isaarraa maallaqa guddaa argachuu danda’a.

Gabaan miidiyaa hawaasaan argamu kanaan wal fakkaata.

Garuu bakki hojiisaa (platform) miidiyaa hawaasaa abbaa qaba.

Kana jechuun Facebook’n Maarki Zuukerbargi, kan irratti biizinasii hojjetu garuu namoota hedduudha.

3𝑓𝑓𝑎𝑎. Tarree Maamila (Email / Phone List)

Kanaanimmoo Saanduqa qusannaa jechuu dandeenya.

Sababoota addaa addaan yoo Facebook  ykn TikTok’n cufame maamiltoota keetiin tarree maamilaa fayyadamta.

Kana jechuun namoota biizinasii waliin hojjettu karaa email ykn bilbilaa wal argatta.

Egaa yeroo har’aa daldalaan tokko, bakkeewwan biizinasii adda addaatti suuqii banuuf maallaqa guddaa baasuu caalaatti sirna dijitaalummaa fayyadamee karaa online yoo suuqii banate bu’a- qabeessa ta’uutti dhufaa jira.

Sababni isaa namni suuqii giddu gala gabaa tokko keessaa qabu, yoo baay’ate namoota qaamaan achi dhaqantu arga. garuu suuqii online irra jiru maamiloota miiliyoonaan lakkaa’aman addunyaarra jirantu arguu danda’a.

Yeroo ammaa kana biizinasii dorgomaa uumuuf hubannoo dijataalummaa qabaachuun murteessaa akka ta’e yaadni armaan olii nu akeeka.

Yaadasaa Lammaatiin.

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

“Paartiin Badhaadhinaa seenaa gara qabeenyaatti; hambaa gara duudhaatti jijjiire”- Obbo Tamasgeen Xurunee.

‘OBN Cyber Media’ Guraandhala 03,2018 Paartiin Badhaadinaa mata duree “...

Haaromsi Aadaa injifannoo Oromoo ceesisudha!

‘OBN Cyber Media’Guraandhala 01,2018 Oromoon sadarkaa gaanfa Afrikaatti saba guddaa...

“Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya diinagdeen gahoomsa”-Obbo Namarraa Bulii.

‘OBN Cyber Media’ Amajjii 29,2018 Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya aara...

“Buusaa Gonofaan duudhaa namoomni ittiin calaqqisiifamuufi jireenyi guyyuu ittiin qajeelfamudha”-PMNO obbo Shimallis Abdiisaa.

Oromoon falaasama sirna Gadaa ijaareen jaarmiyaalee seeraafi sirnaan guutamanii...