OBN Cyber Media Amajji 20,2018
Birrii 100 liqeeffatanii daldala eegaluun sooromuun akkamiin dhugoome?
Obbo Girmaa Buttaa Godina Shawaa Kaabaatti jiraataa Magaalaa Garba Gurraachaati.
Obbo Girmaan bara dargaggummaa isaaniitti birrii dhibba tokko namarraa liqeeffatanii midhaan qinxaaboo baadiyarraa bitanii gara Magaalaa Garba Gurraachatti geessuun daldaltoota midhaan jimilaan bitaniitti gurgurachuun hojii eegaluu himan.
Bu’aa argatanis qusachuun gara Killeefi Dhadhaa daldaluutti ce’uu dubbatan.
Killeefi Dhadhaas Magaalaa Garba Gurraachaatii bitanii gara Magaalaa Finfinnee geessuun madda galii isaanii babal’isanii sadarkaa konkolaataa bitachuurra gahan.
Dhiheenyammoo insheetivii mootummaan badhaadhina maatii mirkaneessuuf bocetti gargaaramuun qonna magaalaatiin Sangaa gabbisuufi lukkuu killee buustu horsiisuun fayyadamoo ta’aa jiru.
Waan facaafatan haammatu akkuma jedhamu birrii 100 liqeeffachuun cichanii hojjechuun ija godhateefii konkolaataawwan bitachuu dabalatee Magaalaa Garba Gurraachaa Ganda Goraa keessatti mana jireenya sadarkaasaa eeggate ijaaruu, mankuusaa tajaajila garaagaaraaf oolu ijaaruun kireessuufi abbaa konkolaataawwanii ta’aniiru.
Kaappitaalli isaaniis yeroo ammaa birrii miiliyoona 30 ol irra gahuus kan himan Obbo Girmaa Buttaa, kutannoon hojjetanii of bira darbuun namoota kudhaniif carraa hojii uumuus ibsaniiru.
Ga fuulduraattis warshaa nyaata loonii qindeessuufi jibsamii oomishu dhaabuuf karoora qabaachuu OBN’tti himan.
Gammachiis Zawduun








