‘Takka umriin darbinaan imimmaan mitii dhiiga boowuunuu hin deebisu’.Obbo Baaboo Galgoo

Date:

Qonnaan bulaa roorroo sirna abbaa Lafaa mormuun iddoo dhalootaa isaarraa baqatee ture, boodarra erga sirnichi kufee maatiitti deebi’uun hojii qonnaan duroome.

Gaafa roorroon osoo lubbuun jiran nama dhaaluuf ija namatti babaaftu dursanii yoo mala malatan malee dhaalamuun waan hafuu miti.

Kan dhaalame harka duwwaatti hafa. Kanaaf qabsoon jireenyaa osoo harka hin kennatin dura jalqabamuu qaba.

Gaafas waan qabaniin rakkoo ofirraa faccisu.

Umriin dargaggummaa akkuma wanti hedduun namatti bareedu umrii itti kufanii ka’anii waa itti dhaabataniidha. Takka umriin kun darbinaan imimmaan mitii dhiiga booyuunuu hin deebisu.

Jaappaanonni, dafqi gaafa dargaggummaa sirraa hin bahin gaafa dullummaa imimmaan ta’ee sirraa baha jedhu.

Namni gaafa humna qabu hin dalaganne gaafa dadhabbii rakkachuun isaa beekkamaadha. Kanaafuu jireenya injifachuuf aarsaa kamuu kaffaluun dirqama.

Jabinniifi guddinni tattaaffii fi qabsoo walirraa hin cinneen argama malee salphaatti waan goonfatamuu miti jedha Barreessaan Kitaaba “Think and Grow Rich” jedhamuun beekkame Napoleon Hill.

Obbo Baaboo Galgoo jedhamu Godina Arsii Lixaa Aanaa Nageellee Arsiitti dhalatanii guddatan.

Barumsa immoo bara mootii Hayilasillaasee keessa baratan. Isumayyuu hamma kutaa 6ffaatti hordofan.

San booda roorroon taa’ii ka’ii isaan dhoorkinaan addunyaa barnootaan adda bahan. Sirni Abbaa lafaa yeroo san ture akka isaan umrii dargaggummaatiin maatii fi ofii isaaniitiif hin carraaqne gufuu itti ta’e. Haalli yeroo sana ture qonnaan bulaan abbaa lafaaf qotee duwwaa keessaa galu, irra deddeebiin Baabootti gaaffii ta’e.

Maarree dubbiin kun ta’uu hin qabuun mormii dhaggeesifnaan sirnichaan barbaadamuu eegale.

Roorroof harka hin kennuun Baaboo immoo akka inni iddoo dhalootaa isaatii baqatuuf dirqama itti taate.

Kanumaan osoo garaan diduunii barri ni darba jechuun garaa muratee akkuma sirnicha mormetti gara Godina Arsii Aanaa Doddotaa magaalaa Dheeraa deeme.

San booda gara magaalaa Adaamaatti baqachuu dubbatu. Jireenyi maatii waliin jiraatan kan qananii qabu kan haatiifi abbaan ija keessa nama ilaalan waan ta’eef iddoo deemetti Baaboon kunuunsa maatii argachuun haa hafuutii qormaata dhandhamuu eegale.

Silas qabsoo keessatti jireenya hegeree mijataa gochuuf malee yeroo sanatti mijataa bilchataa argachuuf miti. Baaboos kan qunname kanuma.

Sirna yeroo sana ture qonnaan bulaarraa gogaa jiidhaa duugaa turetu biyyaa isa baase malee lafa Hobbaatiin isaa itti awwaalamterraa faana takka siquuf karoora hin qabu ture. Barri darbee sirnis sirna biraan bakka bu’e.

Lafti abbaan lafaa dafqa malee callaa qonnaan bulaan itti dhama’aa ture irraa hammaarataa ture qabsoo lammiileetiin akka qonnaan bulaan abbaaa lafaa ta’u godhus ammas qormaanni biraa bifa jijjiiratee dhufe.

Obbo Baaboon haala qonnaa yeroo bara bulchiinsa dargiis yoo yaadatan qonni yeroo sanaas qonnaan bulaa akka fedha isaatti akka hojjetuuf kan utubu hin turre jedhu.

Guyyaan ji’atti jiini waggaatti walkennaa barris darbe.

Akkuma weellisaan Barris dabareedhaan nama geechi yoo rabbi jedheefi jedhee weellise kan waaqni lubbuun kaaye jijjiiramas ni arga.

Obbo Baaboon sirni dabareen itti wal jijjiiraa hardha gahaniiru. Lafti duraan abbaa lafaan dhuunfatamee qonnaan bulaan ergamaa ta’ee namaaf dalagaa ture seenaa ta’ee darbuun ammarratti abbaan biyyaa dureen magaalaa fi baadiyyaa sooru inumaa qonnaan bulaa ta’eera.

Obbo Baaboon lafa maatiirraa argatan surree oldachaafachuun xiiqii biyyaa isaan baafte san yaadataa hojii qonnaa sirritti hojjechuun callaa maqaa qabu galchuu eegalan.

Barri haa darbu malee akkaataan isaan ittiin qotaa turan humna sangootaan waan ta’eef callaan argataa turan kan gabaa bahu osoo hin taane nyaatarra hin darbu ture.

Akka mammaaksaan, kan deemee fi kan deegetu waa arga jedhamu Obbo Baaboon jireenya isaanii keessatti waan hedduu arganiiru.

Carraaqqiin isaanii waggoota dheeraa erga teeknooloojii qonnaa tiraaktaraan qotuu eegalanii ba’aan isaanirraa bu’ee callaan man-kuusaa guute. Tiraaktaraan qota jedhanii harka maratanii hin teenye.

Gorsa ogeeyyii qonnaa fi jajjabeessituu argataniin har’arratti waan hedduu horatanii jiru. Obbo Baaboon qonnaan bulaa adda duree investimantiitti ce’aniidha. Konkolaataa bifa bifaan yaasu. Man-kuusaa isaanii Qamadii, Xaafiifi Boqqoollootu guutee argama.

Harka Xurii fi akka duriitti hin hafan jechuun kanuma mitii ree. Gammachuu Fayyoon

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

Dubartootaafi Dippilomaasii

‘OBN Cyber Media’ Waxabajjii 17,2018 Humna bishaanii mala dubartii siif...

“Paartiin Badhaadhinaa seenaa gara qabeenyaatti; hambaa gara duudhaatti jijjiire”- Obbo Tamasgeen Xurunee.

‘OBN Cyber Media’ Guraandhala 03,2018 Paartiin Badhaadinaa mata duree “...

Haaromsi Aadaa injifannoo Oromoo ceesisudha!

‘OBN Cyber Media’Guraandhala 01,2018 Oromoon sadarkaa gaanfa Afrikaatti saba guddaa...

“Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya diinagdeen gahoomsa”-Obbo Namarraa Bulii.

‘OBN Cyber Media’ Amajjii 29,2018 Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya aara...