‘Sirna Gadaa keessatti Caffeen bakka hoodaafi tumaa seeraati.’ Hayyuun Gadaa Caalaa Soorii.

Date:



Jechi Caffee jedhu lafa margaa jiidhiinsa qabu,kan dheeda sa’aa Fardaa, iddoo jaalatamaa waaqaa namaa ,kan bonaa ganna hin gogne tu’uu akeeku, Gadaa Tuulamaatti miseensi Gadaa Birmajiifi Abbaan Caffee duraanii akkasumas Barreessaan duraanii Gumii Tokkummaa Abbootii Gadaa Oromoo Caalaa Soorii.

Gadaanis lafa ulfaa, jiidha qabu miilaan ejjatee seera bulmaataa tumataa jedhan.

Sirna Gadaa keessatti Caffeen Gumii, Yaa’ii yookiin  walga’ii Olaanaa Miseensota Gadaatis  

Tumaa Caffeen heerri 6’n kan waaqaa lafaa, Abbaa haadhaa, Tulluu malkaa ulfoon, kan hin jijjiiramne jiraatus Caffeetti seeronni waggaa saddeef turu ni tumama.
Caffeen Mootummaa Naannoo Oromiyaas moggaasa Caffee Gadaa irraa fudhachuu kan dubbataniifi bakka buutonni ummataa seeronniifi wixineen keessatti bocaman akkasumas bulchaan sabaa itti filamu ta’uus dubbatan.

Caffeen Qaama bulchiinsa Gadaa isa olaanaadha.

Seera baasuu,Seera labsuufi raawwachiisuudha hojiin isaanii ijoon.
Dhimmoota  hawaasa diinagdeefi siyaasaa sadarkaa gadiitti furmaata hin arganne sakatta’uun murtee itti kennuudha.

seera tumuu,seera hiikuufi seera raawwachiisuu jechuudha. Abbootiin Gadaa Gosoota Caffee jalatti hojiin isaanii inni ijoon jiruu ummataa to’achuu,seera barsiisuufi raawwachiisuudha.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa seera Mootummaa Naannichaa yeroo ce’umsaa Labsi lakk. 2 /1985n baafatee hojii kan eegale yoo ta’u,caaseffamni qaamolee mootummaa sadeen,seera baaftuu,seera hiiktuufi seera raawwachiiftuun sadarkaa Naannoo irraa eegalee hanga gandaatti beekkamtii argachuun yeroo jalqabaaf hundaa’e.
 Mootummaan Naannoo Oromiyaas yeroo kanarraa eegalee moggaasa Caffee Mootummaa naannichaa gochuun moggaase.

Sirni Dimokiraasii Ammayyaa Sirna guddaaa, Gadaa irraa fudhatamuu kan agarsiisu.

Akkuma Caffeen Gadaa seera ittiin bulmaata ambaa tumuuun hojirra oolchu,Caffeen mootummaas labsiileefi seerota baasee caffeen raggaasa.
Caffeen Mootummaa Naanoo Oromiyaa turtii waggaa shanii kan qabu yoo ta’u yeroo jalqabaaf turtii isaa waggoota shanii 1987 _1992 keessaaatti seerota 36 tumeera.
Caffeen Mootummaa Naannoo Oromiyaa turtii isaa waggoota shaniin qabaatu keessatti, bakka bu’oota ummataa filamaniin seerota,danbiiwwaniifi labsiiwwan gara garaa tumuun ni raggaasa.

Qaama raawwachiiftuu ni filata, muudama garaa garaas ni raggaasa.
Caffeen Mootummaa Naannoo Oromiyaa ofiisaatii duudhaa Oromoo hordofaa kan dhufe yoo ta’u danbiiwwaniifi seerota duudhaa ganamaa cimsanis raggaasuun hojiirra oolchaara

Hojiiwwan ijoo Caffee keessaa tokko karooraafi raawwii hojii qaamolee Mootummaa to’achuufi Hordofuudha.Addunyaa Tusaan

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

“Paartiin Badhaadhinaa seenaa gara qabeenyaatti; hambaa gara duudhaatti jijjiire”- Obbo Tamasgeen Xurunee.

‘OBN Cyber Media’ Guraandhala 03,2018 Paartiin Badhaadinaa mata duree “...

Haaromsi Aadaa injifannoo Oromoo ceesisudha!

‘OBN Cyber Media’Guraandhala 01,2018 Oromoon sadarkaa gaanfa Afrikaatti saba guddaa...

“Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya diinagdeen gahoomsa”-Obbo Namarraa Bulii.

‘OBN Cyber Media’ Amajjii 29,2018 Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya aara...

“Buusaa Gonofaan duudhaa namoomni ittiin calaqqisiifamuufi jireenyi guyyuu ittiin qajeelfamudha”-PMNO obbo Shimallis Abdiisaa.

Oromoon falaasama sirna Gadaa ijaareen jaarmiyaalee seeraafi sirnaan guutamanii...