‘Bara oomishaa 2016/17 Qonna Arfaasaan lafa hektaara mil.1.5 misoomerraa oomishni Kunt.Mil 32 argameera’ Pirezidaanti Shimallis Abdiisaa
‘OBN Cyber Media’ Guraandhala 02,2017- Oomishtummaa guddisuuf teekinooloojiiwwan qonnaa fayyadamuun xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhan, Pirezidaantiin MNO Obbo Shimallis Abdiisaa. Qonna Gannaatiinis lafti hek. mil.11.6 midhaan gosa adda addaa faca’erraa callaa Kunt.Mil.327 walitti qabamuus himan.
Inisheetivii Qamadii bonaan hanga ammaatti qophii lafaa Hek.Mil.3.2 taasifame keessaa lafti Hek.Mil.2.9 facaafamuun kunuunfamaa jiras jedhan.
