‘OBN Cyber Media’ Guraandhala 02,2017-Riifoormii Gurmaa’insa Gandaa ilaalchisee hojiin seena-qabeessa gurmaa’insa mootummaa Naannoo Oromiyaa bu’uuraan jijjiire hojiirra akka oolu kan taasifame yammuu ta’u; Gurmaa’ínsichi akka lafa qabatuuf akka waliigalaatti Gandoota Baadiyyaa fi Magaalotaa 7,342 bifa haaraan akka gurmaa’an taasifameera.
Hooggansi 49,316 sadarkaa gandoota magaalaa fi baadiyyatti ramadamanii ummata tajaajilaa jiru.
Gurmaa’insa Gandaa haaraa keessatti hirmaannaa uummanni Bulchiinsa Mootummaa keessatti qabu dabaluuf gandoota haaraa gurmaa’an hunda keessatti Manni Maree Yuubotaa miseensota 56,156 qabu akka gurmaa’u taasifamee hojiitti seenamee jira.
Akka waliigalaatti Mootummaan Naannoo Oromiyaa “Tarkaanfii Bulchuun Ganda ” jedhu qabatee uummatatti hiiquun tajaajila kennuun isaa rakkoo hawaasaa furuuf kutannoo qabu ifatti kan argisiisedha. Tajaajilli mootummaan kennu hawaasatti bakka hiiqetti ummanni tajaajilaa fi murtoowwan argachuuf qabeenyaa fi yeroo isaa qisaasessu hojii misoomaaf oolchuun guddina biyyaa keessatti gumaachi taasisu kan hiikkoo olaanaa qabuudha.
