Qaroon keessaa qaramnaan qaroo ijaa dhabuun mul’ata ofiirraa nama hin danqu jette shamarree Shiibirree Kabbadaa.
Godina Wallagga Bahaa Magaalaa Naqamtee kutaa Bulchiinsa Dargeetti kan dhalatte Shiibirreen Kutaa 1 hanga 8 Mana Barnootaa Bakkejamaatti baratte.
Shamarreen kun hanga kutaa 7’tti dhibee kan hin beekne taatus, gaaf tokko garuu akkuma tasaa sammuufi ijashee keessa garmalee ciniinuun yaalamuu jalqabde.
Dhibeen sun itti fooyya’uu waan dideef rifeeriidhaan gara Finfinnee deemtee carallaa(carariidhaan) yaalamaa osoo jirtuu leensiin ijaa yokiin agartuunshee miidhamuun arguu dadhabaa deemuus himte.
Dhukkubbiin keessaas itti hammaachuurraan kan ka’e maatiin gara namoota qoricha aadaa beeku jedhamaniitti geessanis falli hin argamne. Rakkinuma sana keessatti Kutaa 8ffaa qoramtee dabartus, qaroo ishee garuu guutuummaatti dhabde.
Ifni aduu itti dukkanaa’us mul’annishee akka hin dukkanoofneef maatiifi firoottanshee tumsuun Mana Barnootaa Sadarkaa 2ffaa Qaro-dhabeeyyii Biiftuu Naqamtee galtee Kutaa 9 hanga 12tti akka barattu jajjabeessan.
Shiibirreenis gara citanitti citaa guuru jechuun qormaata adeemsa keessa ishee mudate dandamataa miira xiiqiin barnootashee itti fufte.
Shamarreen kun yeroo ammaa Kollejjii Barnootaa Barsiisotaa Naqamteetti Muummee Safuutiin waggaa 1ffaa barataa jirti.
Qaroo dhabuun sammuu dhabuu miti kan jettu Shiibirreen, barattee akkuma hiriyootashee mul’ata qabdu dhugoomsuuf kutannoon tattaafataa jiraachuu OBN’tti himte.
Qaroon ijaa dhibus sammuun namaa qaramnaan mul’ata ofii bira ga’uun ni danda’ama kan jettu shamarreen kun, namoonni agartuu dhabuun dhokatanii jiranis akkuma hiriyoota isaanii baratanii iddoo yaadan ga’uuf sodaa malee gara addunyaa barnootaatti makamuu qabu; maatiinis ta’e hawaasni naannoos daa’imman qaro-dhabeeyyii utubuu qabu jette. Warraaqaa Yooseefiin.









