PKK’n qawwee  Jaarraa walakkaatti dhihaatuuf Abidda ittiin qabsiisaa ture maaliif deebisee gube?

Date:

PKK’n eenyu maal gochuuf waggoota 40’f  meeshaa waraanaa hidhatee biyyootaa biyyootatti godaanuun; ofis uummata qabsaa’uufis dararaa ture.

PKK’n  [Paartiin Hojjettootaa Kurdootaa]  warreen uummata Kurdish biyyoota 4 keessatti faca’ee jiraatu bilisan baasaan  waggoota 40’n dura qabsoo hidhannootti gale,

Uummanni Kurdish  jedhaman kunneen biyyoota akka Turkiyyee, Siiriyaa, Iraaqiifi Iraaniin keessa jiraatu garuummoo daangaa biyyaatu isaan qoode malee qubsumnisaanii wal tuqa.    

Biyyoota  gara garaa keessatti faca’uun isaaniimmoo  uummataa biyyoota kanneenii keessaa gadi aanaa akka isaan ta’an godhe [minority] kanaaf  PKK’n  iddoowwan hoggansaafi siyaasaa biyyoota kanneenii keessatti bakka argachuu mallu argachuu qabnaan qabsoo hidhannootti gale.

Paartiin Hojjettootaa Kurdootaa (PKK) ALAtti bara 1978 mirga abbaa biyyummaa dabalatee Kurdoonni Afaaniifi aadaa ofiin akka bulan kabachiisuuf kaayyeffatee hundaa’e.
Paartichas Abdullaah Okalaan dabalatee quuqamtoota sabichaa birootu hundeesse.
Kunimmoo Tarkiyyeerraa fottoquun mirga abbaa biyyummaa Kurdootaa kabachiifna ejjennoo jedhu qabachuun waggoota kurnan afurii oliif isaan ijibbaachiseera.

Ofii uummanni inni nan qabsaa’aaf jedhu kun eenyu?


Gareen PKK biyyoota akka Turkiyyee, Iraaq, Siiriyaafi Iraan keessa baroota afurtamaa oliif socho’ee qabsaa’aa ture.

Gareen kun qabsoo hidhannootiin socho’aa turuusaatiin ALA bara 1984 Tarkiyyeen shororkeessaa jechuun labsite.
Itti fufuun Ameerikaa, Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomaniifi Gamtaan Awurooppaas akkasumatti mirkaneessan.

Ta’us gareen PKKfi hordoftonni isaa bilisummaaf qabsoofna jechuun socho’aa turan.
Mootummaan Turkiyyees yaadicha mormuun hundeessaafi hogganaa Paartichaa Abdullaah Okalaan ALA bara 1999 adamsee qabuun mana hidhaa buuse.

Yaaliin araaraas bifa garaa garaan qophaa’aa ture.

Tattaaffii marii nagaafi araaraa
Qabsoon hidhannoo mariifi marrabbaan akka furamuuf tattaaffiin mootummaa Turkiyyeefi garee PKK gidduutti godhamaa ture.
Mariin ALA bara 2013 hanga 2015 mari’atame lammiilee walitti bu’iinsaan miidhamaa turaniif abdii ta’us waliigaltee malee xumurame.
Wal gaareffannaan mootummaa Turkiyyee faana qabanis hanga bara 2025 baranaatti itti fufe.

PKK’n qabsoo hidhannoo hiikkachuu akkamiin murteesse?

PKK’n erga mariin araaraa ALA bara 2015 fashalee waggaa 10 booddee barana qabsoo hidhannoo hiikkachuutti amanuun hojiitti hiikuu jalqabe.
Sababoonni bu’uuraas dhiibbaawwan keessoo garichaa, naannawaafi idil-addunyaa of keessaa qaba. Isaanis:
1. Eelaa waraanaafi lubbuun namootaa darbuu.
Ø Imala qabsoo waggaa 40 olii gaggeesseen namoota nagaa dabalatee lubbuun lammiilee kuma 40 caalanii darbeera.
Ø Hawaasni Kurdootaa addumaanimmoo dargaggoonni waraanaan  dhumuun nagaa busuun fala akka ta’u akeekaniiru.
2. Jijjiiramni siyaasaa qabsoo keessatti mul’ate xiqqaa ta’uu
ü Qabsoon hidhannoo bara dheeraa gaafa xiinxalamu jijjiiramni siyaasaa dhufe xiqqaa ta’uusaarraan kan ka’e gareen PKK tarsiimoosaa irra deebisee sakatta’uuf dirqameera.
3. Jijjiiramni Ilaalchaa dhufuu

§ Dimokiraasii dhugoomsuufis ta’e mirga saba qabsaa’aniif mirkaneessuuf qabsoon karaa nagaa furmaata ta’a jedhee yaaduu

§ Hoggansi ol’aanaa PKK marii nagaafi araaraatti amanuun miseensotasaa waamuu

§ Hogganaan garee PKK Abdullaah Okalaan erga hidhameen booda ALA bara 2000 irraa eegalee Turkiyyeerraa osoo hin fottoqiin naannoosaanii bulchaa qabsoo karaa dimokiraatawaa akka itti fufan gaafachuu.

4. Turkiyyeen dirree siyaasaa bal’isuushee

Bara faranjootaa 2025 kana bulchiinsi Pirezidaanti  Rejiib  Xayyip Erdogaan araaraaf ulaa saaquusaati.
Kunis loltootaaf dhiifama gochuu dabalatee mirga aadaafi siyaasaa Kurdootaa kabajuuf qophaa’ummaa qabaachuu, Komiishiniin Mana Maree biyyattiis adeemsa nagaafi hidhannoo hiikkachuu hordofuuf ergama fudhachuu
Haalli siyaasaa Tarkiyyee keessa jiru waldhabdee karaa nagaan furuuf kennataa ta’uusaa fa’í.

5. Dhiibbaa idil-addunyaa

v Dhiibbaan siyaasaa biyyoota alaafi dhaabbilee idil-addunyaa jabaataa dhufuu.

v PKK’n hanga yoonaatti Turkiyyee dabalatee Ameerikaa, UN fi EU biratti shororkeessaa jedhamee waamama. Haala kanaan qabsoo hidhannoon  kan itti fufu taanaan:
• hangam yoo qabsaa’eyyuu addunyaarratti fudhatama hin argatu
• michummaan dippiloomaasii Kurdoonni dhimmoota Baha Giddu Galeessaa keessaa qabanis cufameera.

PKK’n qabsoo hidhannoo hiikkachuu filachuunsaa maal fayyada?
o Hawaasa barootaaf nageenya dheebote aara galfachiisa.
o Ijaarsa nageenyaafi dimokiraasii cimsa
o Tumsa misoomaa jabeessa
o Dippiloomaasii idil-addunyaa akka jabeeffataniif karra saaqa
o Gaagaáma naannawaa hambisa
Walumaa galatti PKK’n hidhannoo waraanaa caalaa qabsoo siyaasaa karaa nagaa godhachuu filateera.
Milkaa’ina qabsoo siyaasaa karaa nagaatiifis Mootummaa Turkiyyee dabalatee qondaaltota garee PKK fi dhimmamtoota idil-addunyaarraa gumaacha jabaatu eegama.


Ejensii Oduu Anaadooluufi Royitarsirraa odeeffanne

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

“Paartiin Badhaadhinaa seenaa gara qabeenyaatti; hambaa gara duudhaatti jijjiire”- Obbo Tamasgeen Xurunee.

‘OBN Cyber Media’ Guraandhala 03,2018 Paartiin Badhaadinaa mata duree “...

Haaromsi Aadaa injifannoo Oromoo ceesisudha!

‘OBN Cyber Media’Guraandhala 01,2018 Oromoon sadarkaa gaanfa Afrikaatti saba guddaa...

“Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya diinagdeen gahoomsa”-Obbo Namarraa Bulii.

‘OBN Cyber Media’ Amajjii 29,2018 Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya aara...

“Buusaa Gonofaan duudhaa namoomni ittiin calaqqisiifamuufi jireenyi guyyuu ittiin qajeelfamudha”-PMNO obbo Shimallis Abdiisaa.

Oromoon falaasama sirna Gadaa ijaareen jaarmiyaalee seeraafi sirnaan guutamanii...