Pilaastika biyyeen hin nyaanne (hin bososne),  labsiin bahe  biyyee nyaachise.

Date:

Pilaastika biyyeen hin nyaanne (hin bososne),  labsiin bahe  biyyee nyaachise.

‘Faalamni pilaastikaan dhufu hanga bishaan lafa jalaa summeessuutti gaha.’ Sagantaa kunuunsa Naannoo Addunyaa.

Faalamni pilaastikaan dhufu bishaan dirra lafaarra darbee  hanga bishaan lafa jalaa summeessuuttillee akka  gahu ragaan  Sagantaa kunuunsa Naannoo Addunyaarraa argame kan mul’isu.

 Odeeffannoo Sagantaan kanarraa argameen; addunyaarratti waggaa 1 keessatti pilaastika toonii miiliyoona 400fi miiliyoona 60’tu oomishama.

Kana keessaas tooniin miiliyoona 200fi miiliyoona 90’tti siqu    kanneen si’a tokko qofa tajaajiluun gatamanidha.

Toonii  miiliyoona 19-23 ta’u immoo  kallattiin  qabeenyaa bishaaniifi lubbu qabeeyyii bishaan keessaa kan hubunidha.

Omisha walii galaa pilaastikaa keessaas harki 75 warreen tajaajila gabaabaa kennanidha.

Gataan balfa pilaastikaa kunis harki 46 dirra lafaarratti raawwata.

Omisha kana balaafamaa kan godhe immoo biyyeen nyaatamuu dhabuusaati.

 Akkaatuma  oomisha isaatti  burkutaa’uuf/bososuuf waggaa 20   hanga 600    itti fudhata jedhame.   

Akka ragaan Sagantaa eegumsa Naannoo Addunyaarraa argame mul’isutti faalamni balfa pilaastikaan  lafa, qaama bishaaniifi bishaan lafa jalaa irraan gahaa jiru yaaddoo  hamaadha.

 Dirra lafaarratti baay’achuun isaa biyyeen nyaatamee waan hin bososneef biqilaan hidda yaafatee albuuda guddachuuf isa barbaachisu akka hin arganne daangessa, lafa oomishaa keessa faca’uunis oomisha xiqqeessa,  bineensonni marga dheedanis nyaata isaanii waliin yoo liqimsan garaachatti rakkachuun  ajjessa, lolaa, bubbeefi gama gara garaan qaama bishaaniitti dham’uun qurxummii dabalatee lubbu qabeeyyii bishaan mandheeffatan hedduu hubaa jira.

Kun immoo lubbu qabeeyyiin bishaan keessaafi lafarraa sirna Iikkoo isaanii eeganii akka    itti hin fufne godha jira.

 Qabeenya Bishaanii  dirra lafaarra jiru miidhuu bira darbuunis carraa argateen  bishaan lafa jalaa summeessuu  akka danda’u  bahiin qorannoo gama kanaan jiru kan mul’isu.       

Rakkoo faalama qilleensaa gama pilaastikaan gahu qolachuufis biyyoonni Miseensa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii  ALA bara 2022 qajeelfama dhabamsiisa balfa pilaastikaa mallatteessaniiru.

Biyyoonni kunneenis haammattoo seeraa dhimma kanaaf akka baasaniif kallattiin taa’ee ture.

Hojichas ALA hanga bara 2024’tti xumuruuf walii galameera.

Itiyoophiyaa  gidduu kana  balfa Pilaastikaa dhabamsiisuuf maaltu tarkaanfiitti galche.

Itiyoophiyaanis  biyya  walii galteen kun ishee ilaallatudha.

Miidhaan Pilaastikaa Itiyoophiyaa keessatti maal fakkaata?

Itiyoophiyaatti  waggaatti  balfa  pilaastikaa tooniin kuma 300fi  kuma 80 ol akka   uumama himama.

Kana  keessaas harka 6 qofatu  irra deebiin hojiirra oolaa jira  jedhame.

Harki 60 immoo bakkeerratti faca’ee akka argamu, ragaan Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Itiyoophiyaa irraa argame kan mul’isu

Baay’inni uummataa dabaluufi babal’inni magaalotaammoo   itti fayyadama pilaastikaa gar malee guddiseera.

Sababa kanaafis  fedhiin itti fayyadama pilaastikaa harka      13’n dabaleera jedhame.    

Tarkaanfii Itiyoophiyaan fudhatte:-

Itiyoophiyaan miidhaa pilaastikaan dhufu  to’achuuf   hammattoofi   tarsimoo to’annoo balfa pilaastikaa  ALA bara 2024 hanga 2034 hojiirra olu bocceetti.

Bu’uura kanaanis Manni Maree bakka bu’oota Uummataa Itiyoophiyaa labsii  Korojoo peestaala irraa tolfamutti dhimma bahuu dhorku  ragaaseera. 

Labsiin kunis  qabiinsa balfa gogaa  lakkoofsa 1383/2017 jedhuun ba’eera.

 Kanaanis   Amajjii 23  bara  2018 irraa eegalee  oomishaaleen korojoo  pilaastikaa   hojiirra akka hin oolle dhorkameera.

Kanaanis Pilaastika biyyeen hin nyaanne labsiin manni Maree bakka bu’oota Uummataa baase   biyyee nyaachiseera.

 Namni qajeelfama kana sarbe maal ta’a?

  • Guyyaa jedhameerraa eegalee Namni korojoo  Pilaastikaa baatee argame birrii kuma 2 hanga kuma 5 adabama.
  • Labsii qabiinsa balfa gogaa lakkoofsa 1383/2017 ba’e, keeyyata 25(1) irratti namni Korojoo  pilaastika irraa tolfame/feestaalatti  fayyadame birrii kuma 2 hanga kuma 5 akka adabamu, Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Oromiyaatti Daayirektarri Daayirektooreetii To’annoofi Hordoffii Hojiirra Oolmaa Seerota Eegumsa Naannoo, Obbo Gizaachoo Birmataa  himaniiru.
  • Dhaabbileen oomisha    kana dhoksaan oomishaniifi gurguran  immoo   hidhaa waggaa 15 fi adabbii maallaqaa  dachaa sadiitu isaan eeggata jedhame.   

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

Dubartootaafi Dippilomaasii

‘OBN Cyber Media’ Waxabajjii 17,2018 Humna bishaanii mala dubartii siif...

“Paartiin Badhaadhinaa seenaa gara qabeenyaatti; hambaa gara duudhaatti jijjiire”- Obbo Tamasgeen Xurunee.

‘OBN Cyber Media’ Guraandhala 03,2018 Paartiin Badhaadinaa mata duree “...

Haaromsi Aadaa injifannoo Oromoo ceesisudha!

‘OBN Cyber Media’Guraandhala 01,2018 Oromoon sadarkaa gaanfa Afrikaatti saba guddaa...

“Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya diinagdeen gahoomsa”-Obbo Namarraa Bulii.

‘OBN Cyber Media’ Amajjii 29,2018 Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya aara...