Birraan yoo bari’u lageen Ganna guutan ni hir’atu, abaaboowwan halluu gara garaa qaban miidhaganii dacheerratti mul’atu.
Gosti midhaanii adda addaa fi biqiltuun bosona keessatti argaman baay’een waqtii Birraa daraaru. Daraaraan mallattoo sanyiiti. Sanyiin itti fufuuf daraaraan jiraachuu qaba; Daraaraan hawwiidha abdiidhas, daraaraan foolii tola, daraaraan wal hormaata biqilaa mataasaaf guddaa akka gumaachu beektonni damichaa ragaa bahu.
Birraan immoo daraaraan faayama daraaraa midhaanii, keelloo, siddisaa, margaafi kanneen biroon kunis itti fufuun lubbu qabeeyyii biqilaa ta’an kaaniif abdiifi jireenya.
Daraaraan fooliifi argaaf tola abdii namatti hora, kanaaf dargeessiifi dargaggeettiin abaaboo Birraa weelluu gara garaa itti baasuun kan weeddisaniifi. Abaaboon Birraa fi Baatiin Fulbaanaa fuula lamaan saantima tokkooti jedhu Jiraattonni Godina Shawaa Kaabaa, Abaaboo keelloo akka fakkeenyaatti eeruun. Abaaboon keelloo waqtii Birraa daraaru bakka gara garaatti maqaa adda addaa qabaatus, bakka baay’eetti hadaa fi keelloon beekama.
Daraaraan keelloo waggaatti altokko qofa argamu;Ganna dukkana keessaa ifa Birraatti akka baane mallattoo nu agarsiisu, miira gammachuufi abdiitiis jedhan Jiraattonni Godina Shawaa Kaabaa magaalota Fiichee fi Shararoo OBN dubbise.
Uummanni Oromoo waaqaaf galata yeroo dhiheessu, eebbisu; marga jiidhaafi daraaraa qabatee, lalisii daraarii ija godhadhu jedhee wal eebbisa. Uumaasaas jiidhaafi daraaraa qabatee waan lalisaafi firii ija godhatu nuuf kenniteef jedhee qabatee galateeffata, kan fuula duraafis araaraafi badhaadhina dhaammata.
Sisaay Tasfaayeetiin








