Hawwan Birraa barii Malkaatti ba’uun Araariyoo faarsanii fedhii garaasaanii uumaatti himatu.
Irreechi Malkaa Ateeteemmoo Hawwan waliin hariiroo jabaa qaba.
Oromoon warra sirna guddicha sirna gadaan buludha. Ummata aadaafi duudhaasaa eegee Malkaa waliinis taanaan seenaa hin dagatamene qabudha.
Oromoon malkaan ulfoodha jedhe safeeffata; Malkaa bu’ees irreeffatee araaraafi milkaa’ina kadhata.
Oromoon irreechi eenyummaa, nageenya, araaraafi jaalala jedhes amana.
Oromoon irreecha wayitti lama Malkaa fi Tulluutti bahee irreeffata.
Torban Irreecha Hora Finfinneefi Hora Harsadee kabajettis Malkaa Ateeteetti walarga. Moggaasni Malkaa Ateetee maalirraa dhufe kan jedhuuf Maanguddoo Alamuu Caalaa dur abbootiin loonsaanii oofanii Hora Finfinnee dhaqanii irreefatanii deebi’u, hawwan ammoo Malkaa Ateetee kanatti bahanii Ateetee facaafatanii okolee isaanii qabatanii abbootii eeguun waliinis Malkaa Ateeteetti irreefatanii galu; Kanaaf Malkaa Ateetee jedhame jedhan.
Irreechi Malkaa Ateetee Shaggar Kutaa Magaala Gafarasa Gujeetti kan kabajamu ta’us, akkuma Hora Finfinnee cunqursaa mootummoota darbaniin bara 1971 irraa kaasee hanga bara 2000’tti danqamee turuu kan ibsan maanguddoo Alamuu Caalaa, erga deebi’ee haareffamee as Ayyaanni miilanaa waggaa 18ffaa isaati.
Malkaan Ateetee lafa seenaa addaa qabu malkaa namni ilmoo dhabee kadhatee itti argatu kan qotiyyoo dhabe kan fayyaa dhabe, kadhatee kan itti argatu jedhan, Abbaan Malkaa Ateetee Nagaash Kabaddaa.
Malkaan Ateetee misoomuu baatus, miidhagina bishaan uumamaa, Bosona, sagalee simbiroota qalbii namaa booharsaniin badhaatuudha.
Keessummoota Irreecha Malkaa Ateetee baranaa hirmaatanifis akka aadaatti sirnaan simachuu dabalatee miidhagina malkaas dabaluuf sochiitti jiraachuu Ittigaafatamtuun Waajjira Aadaafi Turizimii Kutaa Magaaalaa Gafarsa Gujee, Aadde Ayyaantuu Ejersoo himan.
Madiinaa Daddafootiin







