“Oromiyaatti tatamsa’ina dhukkuba Busaa  hiri’isuun danda’ameera”-BFO

Date:

‘OBN Cyber Media’ Amajjii 26,2017-Naannoo Oromiyaatti tattaaffi babal’ina dhibee busaa to’achuuf hojjetameen tatamsa’ina dhukkubichaafi miidhaa sababa dhukkubichaan qaqqabu hir’isuun danda’amuu, Biiroon Fayyaa naannichaa beeksise.

Hogganaa Itti aanaan biiroo Fayyaa Oromiyaa Dr Bokonaa Guutaa akka himanitti, waggoota daraban tatamsa’inni dhibee busaafi baay’inni namoota dhukkubichaan qabamanii dabalee ture.

Bara bajataa kana ji’oota jahan darban garuu naannichatti qooda fudhatoota sadarkaan jiran waliin ta’uun ganda irraa jalqabee hojii hojjetameen tatamsa’inaafi lakkoofsa namoota dhukkubichaan qabamanii hiri’isuun danda’ameera.

Naannichatti dhukkubni busaa miidhaa geesisaa kan ture sababa hanqina qorichaan qofaa osoo hin taane; haala raabsa qorichaafi itti fayyadama isaarratti hanqinni waan tureef akkasuma hojiiwwan dhukkubicha ittisuuf barbaachisan sirritti hojjetamuu dhabuurra kan maddedha jedhaniiru.

Hanqinni qoricha dhukkuba busaa akka hin mudanne Biiroon Fayyaa Oromiyaa dhaabbilee deeggartootaa waliin hojjecha turuu himaniiru. Mootummaan naannichaa bajata dabalataa ramaduun qorichi akka hundaa qaqqabu taasiseera jedhan.

Kanaanis tatamsa’ina dhibichaa ittisuufi sababa dhukkubichaan miidhaa qaqqabu hiri’isuu irratti hojiin bu’a qabeesa ta’e hojjetameera jedhaniiru.

Ta’us garuu mallattoon dhukkuba kana ammas hawaasa keessa waan jiruuf raabsaa qorichaa fi fayyadama isaa irratti hojjechuu qofaa osoo hin taane hojii dursanii ittisuu kanneen biroo irrattis haalaan hojjetamu akka qabu hubachiisaniiru.

Haaluma kanaan bakka walhormaata bookee busaa balleesuu fi qulqulleesuu, Agoobara karaa sirriin fayyadamuu akkasuma gorsa fi waldhaansa fayyaa ogeeyyiin fayyaa kennan karaa sirriin hojiirra oolchuun dhukkubicha ittisuun barbaachisaadha jedhaniiru.TOI

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

Dubartootaafi Dippilomaasii

‘OBN Cyber Media’ Waxabajjii 17,2018 Humna bishaanii mala dubartii siif...

“Paartiin Badhaadhinaa seenaa gara qabeenyaatti; hambaa gara duudhaatti jijjiire”- Obbo Tamasgeen Xurunee.

‘OBN Cyber Media’ Guraandhala 03,2018 Paartiin Badhaadinaa mata duree “...

Haaromsi Aadaa injifannoo Oromoo ceesisudha!

‘OBN Cyber Media’Guraandhala 01,2018 Oromoon sadarkaa gaanfa Afrikaatti saba guddaa...

“Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya diinagdeen gahoomsa”-Obbo Namarraa Bulii.

‘OBN Cyber Media’ Amajjii 29,2018 Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya aara...