
‘OBN Cyber Media’ Amajjii 26,2017-Yeroo gara garaa akkuman ibsaa ture laftiifi ummanni Tigraayi ka’umsa qaroominaa Itiyoophiyaati. Lafti Tigraayis bulchiinsa mootummaa, sirna bulchiinsaafi madda duudhaa biyyaalessaati. Uummanni Tigraayi Itiyoophiyaa uumuufi kunuunsuu keessatti qooda olaanaa akka qabu beekamaadha.
Ummanni Tigraayi ummata seenaa hin guune qabu qofa osoo hin taane waa hunda caalaa jaalala biyyaa, michuu badhaadhinafi ummata hojii jaallatu ta’uun beekamaadha.
Tigraayi hayyoota, abbootii amantii, namoota siyaasaafi jaarsolii biyyaa uummataafi biyyasaanii tajaajiluu danda’an hedduu horatteetti.
Uummanni Tigraay duriirraa eegalee, maalummaa mootummaa tolchee beeka, obbolootasaa waliin ta’uunis uummata biyya hundeessedha. Kana qofas utuu hin taane yeroo biyyarratti balaan aggaamamaa turettillee aarsaa qaaliin biyyasaa kan eegedha.
Kanaafidha birmadummaa biyyasaa eeguuf jecha, Darbush, Ijiptiifi Itaalii akkasumas aggaammii biyyattiirratti kallattii lixaanis ta’e bahaan itti dhufe obbolootosaa waliin waloomuun loluun aarsaa kan kanfale. Kana malees, misooma, nageenyaafi dimokiraasiin akka dhufuuf obbolootasaa biroo waliin ta’uun misooma Itiyoophiyaa keessatti uummata gumaacha olaanaa bahedha.
Kan biroon uummanni Tigraay ittiin beekamu, uummata biyyasaa jaalatu; akkuma lafti Tigraay giddu gala Itiyoophiyaa ta’ee tajaajile, onneen Uummata Tigraay jaalala biyyaan kan guutame ta’uun ragaalee seenaa eeruun mirkaneessuu yaaluun nama awwaalee galetti gadda akka haaraatti akka himuuti.
Uummanni Tigraay yeroo rakkootti biyyasaaf aarsaa kan kanfale, imaanaa abbootasaa uummata eegedha. Baroonni mootummaa giddu galeessatti yeroo gufuu ta’an biyyasaa baraaruu keessatti gumaacha olaanaa baheera.
Kufaatii Mootummaa Aksumiin booda qaawwaa uumamee guutuuf gaheensaa olaanaadha.Addaa addummaa bara moototaa uumame sirreessufillee gumaacha olaanaa baheera. Tokkummaa biyyaalessaa mirkaneessuufis gaheen uummatichaa olaanaa ture.
Ummanni Tigiraay uummata tattaafataafi hojii jaallatu ta’uunsaa mallattoo ittiin beekamu keessaayi.Ummanni Tigiraay gaara ba’e kan misoomsu dhagaa bocee Ummata seenaa hojjetudha.Dhugaa kana nama hubachiisuuf raga dhiyeessuun hin barbaachisu.
Ummati Tigiraay nagaama xiqqoo wayita argatetti daldala,qonna,ijaarsa, aartiifi tekinooloojiin hojiin hojjete nama hundatu beeka.Kanaa alattis yeroo qormaataas uummata cichoomna cimaa qabudha.
Haata’uu malee, waggoota darban keessa sababoota garaa garaan keessattuu mootummaa giddu galeessaa waliin dhaqnaa wal dhabuun dacheen Tigiraay dachee waraanaa ta’e;Ummati Tigiraayi ammoo waraanaaf saaxilameera.
Ka’umsi waraanichaa maalis haa ta’u maal waraana baroota darban raawwataman irraa uummanni Tigiraay gama hawaasummaan dinagdee, siyaasaafi nageenyaan bu’aa maal argate? Maalis kasaare jedhanii gaafachuufi yaaduu barbaachisa.
Hayyuun hubataan Tigiraayii Ummatichi waraana kanarraa bu’aa buufatemoo kan inni dhabetu caala jedhee gaafachuufi deebisuu qaba. Kan biraan gaafatamuu qabu immoo waraanni ammi kun filannoo isa dhumaa turee? Furmaata biroo hin qabu ture kan jedhudha.Dabalataanis kanan booda waraanni akka hin kaane maal gochuutu wayya? Gaaffiin jedhu deebii argachuu qaba.
Wanti nama gaddisiisu uummanni Tigiraayi madaan isaa kaleessaa osoo hin qooriinifi ammas nagaa argatee holola waraanaa keessaa ba’ee hojjetee akka hin galleefi akka hin misoomneef, waraanatti hidhamee jiraachuu isaati.
Rakkooleen akkasii akkamitti hiikamuu akka qabaniif, suuta jedhanii mari’achuun hubattoota jalaa kan dhokate miti. Waan ta’eef namoonni siyaasaa, hawaasni daldalaa, qaamoleen nageenyaa, hayyoonni barnootaafi miidiyaa akkasumas kanneen damee hojii biroo keessa kan jirtan, uummanni Tigiraayi aarsaan hanga ammaa kaffale ni ga’a jechuu qabdu.
Bu’aan waraana irraa argamu hin jiru jettanii, jalqaba irratti rakkoo keessa keessanii jiru irratti mari’achuun waliigaluun nagaafi waliigalteen karaa tokkummaa uummata Tigiraay mirkaneessuun akka xumurattan isinin gaafadha.
Itti aansuun mootummaa Federaalaafi qaamolee biroo waliin garaagarummaa qabdan karaa diimokiraatawaafi heera biyyattiin waliigalteen furuuf qophaa’oo akka taatanin gaafadha. Karaa mootummaa federaalaatiin dhimmoota hunda irratti mari’achuun, garaagarummaa yaadaa akka jirutti fudhachuun kanneen akka biyyaatti waliin nu galchan irratti akka waliin hojjennuufi uummanni yaaddoo keessaa akka ba’uuf akka hojjettanin gaafadha. Nagaan Ummata Tigiraayiif. Waraanni ni ga’a. Itiyoophiyaan tattaaffii ijoollee isheen kabajamtee bara baraan haa jiraattu. Uumaan Itiyoophiyaafi uummata ishee haa eebbisu.







