‘OBN Cyber Media’ Mudde 30,2017-Hogganaa Itti aanaan Biirichaaa Obbo Tasfaayee Gashoo akka himanitti arkaanfiin kunis kanneen eyyama kennameefiin alaa daldalaa biroo irratti hirmaatan, meeshaaleefi oomishaalee adda addaa waliin makuun gurguran akkasuma kanneen hojii seeraan alaa biroo irratti hirmaatanidha.
Kana malees, kanneen madaala burjaajessaan, eeyyama daldalaa isaanii kan hin haaromsine, bakka hojii eeyyama itti fudhatan itti dabalataan bakka biraatti hojjechuurratti kanneen bobba’an, kanneen oomishaalee yeroon irraa darbe osoo gurguranii qabaman fa’i.
Haaluma kanaan daldaltoota hojii seeraan alaarratti hirmaatan kuma 75 irratti tarkaanfiin bulchiinsaa fi seeraa fudhatamuu ibsaniiru.
Tarkaanfiin bulchiinsaa irratti fudhatames dhaabbilee daldala isaanii cufuu fi heeyyama daldalaa isaanii haquu ta’uu eeranii; adabbii daldalota irratti darbeen Birrii miiliyoonni 16 ol mootummaaf galii ta’uu beeksisaniiru. TOI





