Bara Afaan Oromoo dubbachuun rakkisaa ture, Paarlaamaa Itiyoophiyaa keessatti nama jalqabaa Afaan Oromoon dubbataniidha. Bara Mootii Hayilasillaasee immoo Itti aanaa ministeera Maallaqaa ta’uun waggooota kudhaniif tajaajilaniiru.
Gootichi qabsa’aan Oromoo dacheen wallagga lixaa Boojiin Dirmajii biqilchitee,Obbo Bulchaa Dammaqsaan.
Hayyuu diinagdee kan ta’an Obbo Bulchaa Dammaqsaa erga bara Hayilasillaaseetii kaasee buleeyyii siyaasa Itiyoophiyaa haalaan hubatan keessa nama tokko.
Siyaasa alaa taajjabuu qofa osoo hin taane keessatti hirmaachaas turaniiru. Hayyuun kun Yunvarsiitii Ameerikaatti argamu Sirekiyuuz irraa eebbifamanii gara biyyaatti deebi’uun Ministeera maallaqaa keessatti sadarkaa itti aanaatti tajaajilaniiru.Kun bara mootummaa Hayilasillaasee keessadha. Yerootti waggoota kudhaniif tajaajilan.Bara tajaajilasaanii xumuranii biyya alaa deemaniis ADWUI’n gara aangootti dhufnaan gara biyyaatti deebi’anii qabsoo eegalan.
Qabsoon isaaniis Paarlaamaa Itiyoophiyaa Afaan tokko qofa keessummeessaa ture keessatti Afaan Oromoo dubbachuun eegala:Yeroottis keessuma gaaffiiwwan dhimma diinagdeen walaqbatan dabalatee gaaffii ummata Oromoo irra deddeebiin bulchiinsa yeroo sana gaafataa turan.Inuma yeroo tokkoo gaaffiifi deebii taasisaniin ‘’ani waa’ee rakkina Itiyoophiyaan dubbachu barbaada ture. Obbo Mallas immoo waa’ee biyya xinnoo bakka irraa filatamee dhufee Boojii Dirmajjiifi Laaloo Asaabii qofa akkan dubbadhuu barbaadu ture jechuun ibsan.Kuni hangam namni kun mirgaafi gaafii Oromoo qofa osoo hin taane biyyaafillee quuqama akka qaban akeeka. Haala siyaasaa biyyattii ilaalchise yaada yeroo garaa garaa waltajjiiwwan irratti ibsaniin alattis kitaaboota barreessuun seenaa beekan dhaloota dhuufuuf akka darbu taasisaa turan.
Kitaaba Afaanota Ingiliziifi Amaaraatiin barreessaa turaniin cinatti Afaan Oromootiinis kitaaba “Jireenyaafi mul’ata koo Oromoofi ummattoota Itiyoophiyaa birootiif jedhu dabalatee kan biros maxxansaniiru.Waan Oromoon dhabe akka argatuuf, gaaffiin isaas akka deebi’uuf paartii sochii dimookiraasummaa federaalisti Oromoo hundeessuu keessattis nama adda durummaan gahee olaanaa bahataniidha Obbo Bulchaan.
Obbo Bulchaa Dammaqsaa siyaasa qofaan osoo hin taane Oromoon diinagdeen akka gahoomufis nama ifaajaniidha. Bakka baankiin dhuunfaa hin jirreetti qonnaan bulaan Oromoo, daldalaan Oromoo eenyurraa liqeeffata? Mootummaan yeroo sanaa immoo abbaa barbaaduuf qofa kenna jechuun baankii dhuunfaa jalqabaa Oromoofi Oromiyaarratti xiyyeeffatu hundeessan.Baankiin Awwaash yeroo sana hundeessaniis akka bargamoo guddaa bargamoowwan hedduu keessaa mul’atu ta’ee biyyaafu oole.Namni Oromoo fi Oromiyaa dabalatee darbeef biyyaaf oolmaa guddaa oolan kun du’aan adduunyaa kanarra boqotaniiru.Biyyeen isaanitti haa salphattuu jenna.Boqochuu Obbo BulchaaDammaqsaa hordofee Ministirri muummee Dr.Abiyyi Ahimadiis gadda itti dhagahame ibsaniiru.
Waan danda’an hundaan biyyasaaniifi Afrikaa kan tajaajilan, ejjennoosaaniitiin cimaa, uummattoota walitti-dhiyeessuuf kan dhama’an, waan dhugaadha jedhanii itti amanan essattuu yoomiyyuu kan dubbatan turan.
Maanguddoota ciccimooo akkasaanìi dhabuun biyyaa miidha. Uumaan lubbuusaanii haa simatu jechuun erg agama fuula miidiyaa hawaasa isaniin dabarsaniin ibsaniiru.









