
Namatti aartanii haaloo qabattanii beektumoo, namatuu isinitti aaree gadoo isin qabatee beeka laata?
Haaloo qabachuun dhiibbaa akkamii qaba? Dhalli namaa jiruusaa qajeelfachuuf wayita dhama’u hariiroo waloos ni gabbifata.
Ta’us akkuma arrabaafi ilkaan walitti bu’an namni waliin jiraatuufi waliin hojjetus darbee darbee yaadaan waldhabuun gadoo qabachuun hin dhabamu.
Dhalli namaa barasaa keessatti gaafii itti tolaa, al takka takkammoo ofiisaafi uumama naannoosaa faana wal-lolaa jiraata. Kunimmoo mammaaksa, bara quufaa lukkuutu dhuufa; bara beelaa hundatu eela jedhaniin walsima. Namni qanani’ee jiraachuu barbaadus haala hin yaadamneen wantoota garaa garaatiin wayita qoramu, bilchina yaadaa qaburratti hundaa’uun miira xiiqii keessa galuun haaloo yokiin gadoo qabata.
Haaloon kunis akkaataa hojiirra oolmaasaa bu’uureffachuun eelchuufi milkeessuu akka danda’u aartistoota Diraamaa hojjetaniifi maanguddootarraa odeeffanne.
Namni tokko tokko ta’e jechuun ija diimeffatee badiifi hanqina jiru funaanee haaloo ba’achuuf wixxifachuun mul’atus bu’aasaarra miidhama yaadaafi badii itti aansee bifa garaa garaan dhufutu caala jedhan, namoonni dubbifne.
Miidhaan daafii haaloo qabachuun dhufus yeroo baay’ee aariidhaan dhiphachuun qalbii ofii jeequu dabalatee hanga maatiifi fira bittinneessuuttis ga’uu mala jedhan. Kutatan kutaa uffatu akkuma jedhan, hiyyummaarratti haaloo yokiin gadoo ba’uuf xiiqeffachuun garuu mirgaan galuuf gumaacha jedhan, artisti Hawwii Girmaafi hayyuun Gadaa Tuulamaa Naggasaa Nagawoo.Waaqgaarii Qana’aatiin.





