Home Oduu Nageenya waaressuuf jecha aarsaa barbaadamu hunda kaffalle

Nageenya waaressuuf jecha aarsaa barbaadamu hunda kaffalle

0

OBN Guraandhala 02/2017-Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Obbo Shimallis Abdiisaa dhimma nageenyaa ilaalchisuun gabaasa Caffeef dhiheessaniin rakkoo nageenyaa keessaafi alaan nu qunnamaa tureef osoo hin jilbeenfatiin, ummata keenya wajjiin ta’uudhaan, itti cichinee balaa sirnaafi biyya keenya irratti aggaamamaa jiru kamiinuu qolachuun danda’ameera jedhan.

Ummanni keenya gidiraa guyyaa guyyaan irra gahaa ture irraa ka’uun Farda lugaamee, Qotiyyoo camadee, Gaammee baasee, Dargaggeessatti Qanbara hidhee akka aadaatti waamicha taasisaa tureera kan jedhan. Mootummaan naannoo Oromiyaa gaaffii uummataa eeyyantaa guutuun fudhachuun, qondaaltoota Waraana Bilisummaa Oromoo gaaffii nagaa simatan wajjinis waliigaltee nagaa mallatteessuun boqonnaa haaraa saaqeera jedhan.

Qondaaltonniifi miseensonni Waraana Bilisummaa Oromoo qawwee gadi qabanii, gaaffii araaraa simatan dhugumaan isaan gootota yeroo hundaati jedhan. Qaamni waamicha nagaa fudhatee karaa nagaan qabsaa’uuf, garaagarummaa jiru mariifi marabbaan hiikuuf, waliigaltee araaraa raawwachuuf fedhii qabu jiraannaan, faayidaa uummata keenyaatiif jecha balballi keenya ammallee banaadha jedhan. Wandimmaagany Asaffaan

#OBN#Oromiyaa#Ethiopia

NO COMMENTS

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Exit mobile version