‘OBN Cyber Media’ Waxabajji 22, 2017- Biqiltuu dhaabuun jireenya fuulduraa misoomsuudha, dachee fayya qabeettii fi misooma itti fufinsa qabu uumuu keessatti qooda olaanaa qabaaa jedhu rogeettiin dhimma qabeenyaafi kunuunsa qabeenya uumaa addunyaa kan turan lammiin Keeniyaa Waangaari Maataayi.
Dhaabbanni US Agriculture Department maxxansa ‘The power of tree’ jedhu keessatti mukti ga’eessi guddaan tokko qilleensa nama afur jiraachisuu oomishuu danda’a jedha.
Kun kan agarsiisu namni dhibaa’ummaa isaan goginsaafi jijjiirama qilleensaaf saaxilamaa akka jirudha.
Utuu dhaabuu qabuu cira, wayita cirus bakka buusuun hin jiru, akka qorannoo armaan oliitti muka ga’eessa tokko muruu jechuun nama afur akka galaafachuuti qilleensa qulqulluu malee jiraachuun waan hin yaadamneef.
Hooggansa Itiyoophiyaaf dhiibbaan mukeen mancaasuun dhufu dursaan waan hubatame fakkaata.
Kanaafis Bara 2011 Duula Sanagantaa Ashaaraa Magariisaa jedhamuun labsiin bahe barana waggaa 7ffaasaa qabateera.
Fooramiin Dinagdee Addunyaa ALAtti bara 2021tti yaa’ii gaggeesseen Addunyaan kun jijjiirama qilleensaa kana keessaa ba’uuf waggoota 20’f wagga waggaan biqiltuu Biiliyoona 8 dhaabuu qabdi jechuun qorannoo gaggeesse ifoomsee ture.
Itiyoophiyaa garuu dirqama kana biyyoota 193 bakka buutee qobaa ba’achaa waan jirtu fakkaata.
Wagga waggan biqiltuu biiliyoona 5-7.5 dhaabaa jirti.
Sagantaan Ashaaraa Magiisaa kun ‘Dhagaa tokkoon Sinbira Lama’ akka jechuuti. Ilmi namaa jiraachuuf fayyummaan isaa eegamuu qaba. Fayyummaan isaa eegamuuf ammo naannoo qilleensa qulqulluu ta’e keessa jiraachuun dirqama.
Naannoo qilleensa qululluu uumuu kan dana’u biqiltuudha. Kanaafuu biqiltuu dhaabuun fayyaa keenya eega jedhu ogeeyyiin damichaa.
Itiyoophiyaan hojii gama kanaan baroota sagantaa Ashaara magariisaa hanga ammaa hojjetteen biqiltuu Biliyoona 40 ol dhaabdeetti.
Kana keessaas harki walakkaa ol kanneen nyaataaf oolanidha jedhame.
Karoorrii Ashaaraa Magariisaa goolabamuuf waggaa tokko qofatuu hafa.
galmi isaas biqiltuu Biiliyoona 50 dhaabuudha.
Karoora bara dhufu dhaabuuf qabame waliin dhaabbiin biqiltuu walii galaa biiliyoona 54 ta’a.
Bara 2011 dura uwwisni Bosona Itiyoophiyaa harka 17.2 irra ture, erga Ashaaraan Magariisaa hojiirra ooluu eegalee as gara 23.6’tti ol guddateera.
Biqiloota Ashaaraa Magariisaan dhaabaman keessaa harki 84 (biliyoona 40) qabateera.
Mancaatiin Bosonaa heektaara miiliyoona 6 ture, Saganaan Ashaaraa Magariisaa gara heektaara miiliyoona 2.5tti gadi hir’iseera.
Hojii kun amoota Miiliyoona 1 ta’aniif carraa hojiis uumeera jedhame.
Gama biraatiin aammoo Sagantaan Ashaaraa magariisaa Dinagdee biyyaa utubuu keessatti qooda olaanaa qaba.
Ministirri Muummee Abiyyi Ahmed(PhD) Wayita Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaa eegalchiisanitti ‘’Bara dhufuu wayita Sagantaan Ashaaraa Magariisaa xumuramu Itiyoophiyaan gara dinagdeen of danda’uutti ceeti’’ jedhan.
Saganataan Ashaaraa Magarsiisaa kun qilleesa mijataa uumuu bira darbee dinangdee biyyaa ol kaasaa jiraachuuf kun ragaadha. Kanaafuu bara kana dhaadannoo ‘’Dhaabuudhaan Bayyanachuu’’ jedhuun xiqqaa guddaa, jaarsaa jaartii, dureessa hiyyeessa osoo hin jennee ba’ee biqiltuu dhaabuu akka qabu dhaaman. Tamasgeen Hundarraan
