Mukkeen toora tokkotti yabbatanii gaafa margan Bosona jedhamanii waamamu.
Dhagaan walitti heddummatee lafa yoo dhuunfatehoo isin biratti maal jedhama?
Qabiyyeensaa daangaa Sirrii Galaanaarraa meetira 4,377 keessatti argama.
Iddoon argamasaa lafa Oromiyaa samiitti ol siqee jirudha.
Hawaasa naannoosaanis Bosona Raafuu jedhamee waamama
Paarkiin Biyyoolessaa Gaarreen Baalee dhagaa kattaa kan biqiltuun ol dheeratu hoomtuu keessatti hin margine, daandiirraa fagaachuusaarraan kan ka’emmoo warri daawwachuu fedhus taanaan salphaatti kan itti hin darbine Bosona Dhagaa Raafuu jedhamee waamamus qaba.
Iddoon kun bobboca dhagaa ogeeyyiin arkiteekcharii yeroo fudhatanii itti dhama’uun teekinoloojii ammayyaan soofanii akka daawwatamuuf mijeessan fakkaatus Bosona Dhagaa Raafuu kuuluu keessatti ogummaan namaa dabalame tokkollee hin jiru.
Uumaadhuma samii utubaa malee dhaabuun hurrii geejjiba malee deemsisutu walmaddii tarreessee, isa kaanis akka nama mararutti gurmeessee uume.
Bosonni dhagaa Raafuu kun dhala namaa dabalatee da’oo lubbu-qabeeyyii garaagaraa ta’uusaa mallattooleen akeekan jiru. Baratu barootaaf dabarsee har’aan ga’e.
Amma daandiin geejjibaa garasitti geessus akka hojjetamuuf xiyyeeffannaa argateeta.
Paarkiiwwan Gaarreen Baalee qabeenya uumamaa lubbu qabeeyyiifi mleeyyii kumaatama qabaatus Bosonni Harannaa, Bosonni Dhagaa Raafuufi kattaawwan akka waan namni bocee tarreesseetti mul’atan akkasumas Bosona bishaanii kuusaa Bishaan garaagaraa ta’uun waa hunda of keessatti hammachuun warra daawwachuu dhaqu simata.
Dhagaa kuulamaafi walirra tuulamaan torra names ta’e kuta kutataan qalbii namaa hawwatu akkasii yokiin uumamni nama raajeffachiisu toora keessan jiru maali? Boca uumamaa Bosona Dhagaa Raafuu kanahoo akkamiin ibsitu laata? Waaqgaarii Qana’aan
