Home Oduu Itoophiyaa Misoomni dhangaa guutuu milkaa’aa jira

Misoomni dhangaa guutuu milkaa’aa jira

0

‘OBN Cyber Media’ Mudde 09, 2017-Misoomni dhangaa guutuu Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Dr.Abiyyi Ahimad waggoota 3’n dura eegalchiisan ija godhataa jira-Waajjira Ministira Muummee

Sagantaa Dhangaa Guutuu waggaa afuriif turu Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad bara 2015 eegalchisan bu’a argamsiisa jira.

Kaayyoon sagantaa kanas oomishaafi oomishtummaa annaniifi bu’aalee annanii, lukkuu, hanqaaquu, dammaafi qurxumii dabaluufi.

Kana malees, oomishaalee sadarkaa guddaan oomishaman cinatti hawaasa qe’eesaanitti horsiisa lukkuu, oomisha qurxumiifi dammaa oomishanis hojiin deeggaru ni hojjetama.

Hojiileen hojjetaman kunneenis dhiyeessii nyaata madaalawaafi nyaataan of danda’u sadarkaa manaafi biyyaatti mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa bahaata.Waajjira Ministira Muummee Odeeffanne

 

NO COMMENTS

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Exit mobile version