Home Biizinasii Ministeerri Daldalaafi Walitti hidhamiinsa Naannawaa Daldala Al-ergiirraa Doolaara biil. 3.28 argadhe jedhe

Ministeerri Daldalaafi Walitti hidhamiinsa Naannawaa Daldala Al-ergiirraa Doolaara biil. 3.28 argadhe jedhe

0

‘OBN Cyber Media’ Amajjii 12,2017-Ministeerri Daldalaafi Walitti hidhamiinsa Naannawaa raawwii hojii ji’oota jahaa qorate.

Ministeerichi ji’oota ja’a keessatti Daldala Al-ergiirraa Doolaara Ameerikaa biiliyoona 3.28 argate.

Wiirtuun Qe’ee Qulqullinaas Itoophiyaa kan madaalu ta’ee xumuramuunsaa milkaa’ina keenyaa keessaa isa tokkodha, jedhan Ministirri Daldalaafi Hariiroo Naannawaa Dr. Kaasahun Goofeen.

Karaa onlaayinii daldala galmeessuufi eeyyama kennuudhaanis rifoormii bu;a qbaeessa ta’e milkeessineerra jedhan.

Ji’a ja’an darbanitti daldaltoota miiliyoona 2 fi kuma 50 tajaajilaa hayyama Daldalaa galmeessuu kenninee jirra.

Daldala boba’aa seera qabsiisuudhaaf hojii hojjetameen boba’aa seeraan ala deddeebi’aa ture liitira kuma 325 to’atameera.

Raawwii Waliigaltee gabaa bilisaa Afriikaa AfCFTA milkeessuudhaafis qophii barbaachisu gochaa jirra.

NO COMMENTS

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Exit mobile version