

OBN Cyber Media Guraandhala 03,2017-Miidhaa dubartootaafi daa’immanirra gahaa jiru maqsuuf miseensota paarlaamaafi Caffee waliin mariin taa’ame. Hooggantuun Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii Oromiyaa Aadde Maabiraat Baacaa miidhaa daa’immaniifi dubartootaarraatti hammaataa jiru dhaabsisuuf murteen namoota daa’immaniifi dubartootaarra miidhaa geessisannitti murteeffamu barsiisaa akka ta’uuf qaama dhimmi ilaallatu waliin ta’uun ni hojjenna jedhan.
Af yaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’adaa Abdurrahamaan dubartoonni biyya ijaaruu keessatti warra gahee isaanii bahatanidha. Kanaaf miidha daa’immanii fi dubartootaarra gahu ittisuuf namni hunduu gaheesaa bahuu qaba jedhan. Af yaa’ii itti aantuun mana maree bakka bu’oota Aadde Loomii Badhoo Oromoon saba aadaa fi duudhaa ittiin mirga daa’immanii fi dubartootaa eegu osoo qabu mirgi dubartootaa sarbamuu hin qabu jedhan. Iftuu Mulaatuu gabaase






