Hojiiwwan seenaa fi seenessa Oromoo qajeelchanii fi misooma aadaa irratti xiyyeeffannoo kennuun hojjetameera- Pirezidaanti Shimallis Abdiisaa
OBN Cyber Media Gurraandhala 02,2017- Sirnootni gurguddoo Oromoo Goobee fi Shinooyyeen baroota dheeraaf moggaatti dhiibamaa turan tarkaanfii Mootummaan Jijjiiramaa fudhataa jiruun iddoo itti cabanii bayyanachuudhaan karaa guddummaa Oromoo fi gulantaa aadaan Oromoo irra gahuuf barbaadamuu fi guddina aadaa Oromootiif akka oolan ta’eera jedhan Pirezedaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa.
Ayyaanni Irreechaa bara kanaas marii Uummataa, waamicha diyaaspooraa, Fooramii Irreechaa 6ffaa, Agarsiisa Baazaarii fi Egzibiishinii, Agarsiisa Dizaayinii Faashinii Uffata Aadaa Oromoo fi konsartiiwwan gurguddaan dabaalamee Malkaawwan Ulfoo 84 ol irratti karaa nagaa fi duudhaa Oromootiin kabajameera jedhan.






