Mariifi marabbaan waa hundaaf furmaata

Date:

‘OBN Cyber Media’ Mudde 05,2018

 “Pirojektoonni gurguddoon mootummaa jijjiiramaan Itiyoophiyaa keessatti ijaaramaa jiran, Badhaadhina hundagaleessa eegalame milkeessuuf agarsiiftuudha”-Ministira Galiiwwanii Aadde Ayinaalem Nugusee

Magaalaa Bishooftuutti waltajjiin marii Uummataa kutaalee hawaasaa garagaraa hirmaachise mata-duree “Labsiiwwan Gubaa; Injifannoowwan Mootummaa Ida’amuu” jedhuun mari’atamaa jira.

Kantiibaan Magaalaa Bishooftuu obbo Alamaayyoo Asaffaa, Mootummaan jijjiiramaa rakkoolee turan dandamachuun hawaasa fayyadamaa taasisuuf cichoominaan hojjechaa jira jedhan.

Bulchiinsi magaalichaas gaaffilee hawaasarraa ka’an deebisuuf yeroo kamiyyuu caalaa xiyyeeffannaan hojjetaa jiraachuus himan.

Maricharratti kan argaman Ministirri Galiiwwanii Aadde Ayinaalem Nugusee, Pirojektoonni gurguddoon mootummaa jijjiiramaan Itiyoophiyaa keessatti ijaaramaa jiran, Badhaadhina hundagaleessa eegalame milkeessuuf carraaqqii biyyattiin taasisaa jirtu agarsiisa jedhan.

Daandii xiyyaaraa akka Afrikaatti guddaa Magaalaa Bishooftuu keessatti ijaaramu akka fakkeenyaatti eeran.

Daandiin Xiyyaarichaa fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuurra darbee guddina dinagdee biyyaa utubuu keessatti gahee olaanaa akka qabus himaniiru.

Marii kanarratti Af-Yaa’ii Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurahmaan, Itti Gaafatamaa Paartii Badhaadhinaa Naannoo Affaar obbo Mohaammad Huseenfi hoggantoonni biroon argamaniiru.

Baay’isaa Moltoon

#dialogue #Bishooftuu #Oromia

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

Dubartootaafi Dippilomaasii

‘OBN Cyber Media’ Waxabajjii 17,2018 Humna bishaanii mala dubartii siif...

“Paartiin Badhaadhinaa seenaa gara qabeenyaatti; hambaa gara duudhaatti jijjiire”- Obbo Tamasgeen Xurunee.

‘OBN Cyber Media’ Guraandhala 03,2018 Paartiin Badhaadinaa mata duree “...

Haaromsi Aadaa injifannoo Oromoo ceesisudha!

‘OBN Cyber Media’Guraandhala 01,2018 Oromoon sadarkaa gaanfa Afrikaatti saba guddaa...

“Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya diinagdeen gahoomsa”-Obbo Namarraa Bulii.

‘OBN Cyber Media’ Amajjii 29,2018 Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya aara...