
Godina Iluu Abbaa Booritti barana buna toonii kuma 74 ol gabaa giddu galeessaaf dhiyeessuuf hojjetamaa jiraachuun ibsame
‘OBN Cyber Media’ Sadaasa 08,2018- Qonnaan bultoonni Aanaa Mattuu buna qulqullina qabu gabaaf dhiyeessuuf hojjetaa jiraachuu himan.
Gandoota aanichaa hunda keessatti bunni ga’e walitti qabamaa jira. Bulchaa Itti Aanaafi Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaafi Lafaa Aanaa Mattuu ,Obbo Iyyoob Zinaabuu, aanichatti bunni qulqullinni isaa eegame akka walitti qabamuuf deeggarsi ogummaa kennamaa jira jedhan.
Godina Iluu Abbaa Booritti barana buna toonii kuma 74 ol gabaa giddu galeessaaf dhiyeessuuf hojjetamaa jiraachuu, Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa Godinichaa, Obbo Chaalaachoo Addunyaa himan.
Bulchaan Godina Iluu Abbaa Boor, Obbo Indaalkaachoo Tafarii, bu’aa Qonnaan bulaan oomisha bunaa irraa argatu guddisuuf qulqullina bunaa irratti xiyyeeffachuun hojjetamaa jira jedhan. Salamoon Mulugeetaatu gabaase








