OBN Cyber Media, Amajjii 27,2018-Qorataafi barreessaan Xiin-Hawasaa (Antirooppoloojii ) Ardii Afrikaa akka bakkalcha bariitti ilaalamu, Pirofeesar Asmaroom Laggasaa ALA bara 1931tti magaalaa guddoo Eertiraa , Asmaraa, bakka Gazaa Kenishaa jedhamutti dhalatan.
Bakka Gazaa Kenishaa qe’een jedhamtu kun Oromoo waliin walitti hidhaminsa guddaa qabdi.
Bakka kana Onesmos Nasiib (Abbaa Gammachiis)fi Asteer Gannoofaan walakkeessa jaarraa 18ffaa keessa karaa buufata Masawwaatiin geeffamuun yeroo dheeraaf jiraachaa waan turaniif uummata Oromoofi maatii Pirofesar Asmaroom gidduutti walitti hidhaminsa uumuusaatu himama.
Pirofeesar Asmaroom akkuma umuriinsaanii barumsaaf gaheen Waldaa Warra Wangeelaa yeroosan mishinarootaan Asmaraatti hundeeffametti barachuuf carraa argatan.
Carraa kanas kan argatan sababa haatisaanii Abbaa Gammachiisfaa wajjin hariiroo qabaachaa waan turteef akka ta’e ragaan agarsiisa.
Bara 1945tti maatiinsaanii waliin Asmaraarraa Magaalaa Dasee dhufuun Aanaa Ambaasalitti hojii oomishaafi daldala biqiltuurratti bobba’an.
Adeemsa keessas Pirofeessarri kun barnoota isaanii Finfinnee, Mana Barumsaa Tafarii Mokonnonitti hordofuun, namoota mana barumsichaatti barnoota xumuruun eebbifaman keessaas tokko ta’an.
Pirofeesar Asmaroom osoo Kolleejjii Hayilasillaasee jalqabaa hin seeniin dura sagantaa barnootaa Hayilesillaaseen Itoophiyaanotaafi Afrikaanota walqunnamsiisuuf hojjechaa turan irratti hirmaachuuf gara Kolleejjii Makerere (Ugaandaa)tti imaluun leenjii gabaabaa fudhatanii turan. Barnootniifi muuxannoon Ugaandaarraa argatan kunis qorataa xin-hawaasaa(Anthropology) Afrikaa akka ta’aniif ka’umsa ta’eef.
Yunivarsiitii Kolleejjii Finfinnee irraas digrii jalqabaan barnoota falaasamaan eebbifamaniiru. Ameerikaa, Yunivarsiitii Harvaarditti sirna barnootaatiin digrii 2ffafi xin-hawaasaa (‘Anthropology’n) ammoo digrii 3ffa barataniiru.
Pirofeesar Asmaroom Laggasaa wayita digrii 3ffaa barachaa turanitti, sirna eenyummaa Oromoo calaqqisiisu, Sirna Gadaarratti qo’annoofi qorannoo geggeessuu eegalan.
Qorannoo kanas akka sirna Gadaa irratti gaggeessaniif wanti ka’umsa ta’eef lammii Siwiidiin kan ta’an akaakayyuusaanii, Paastor Zaratsiyoon Musee jedhaman Abbaa Gammachiis wajjin hiriyyaa dhiyoo waan turaniif akka ture himama.
Paastor Zaratsiyoon Musee fi Abbaa Gammachiis mana barumsa dubartootaa, Imkulluu Eertiraa keessatti waliin barsiisaa turan. Maatiin Pirofeesar Asmaroomis barsiisota waan turaniif nama cimaa ta’ee akka bahuuf ka’umsa ta’aniiruuf.
Pirofeessar Asmaroom Laggasee Maal hojjetan?
Pirofeesar Asmaroom Hayyuu sirna Gadaa qorachuun Sirni bulchiinsaa uummanni Oromoo kalaqee ittiin wal bulchaa ture ta’uu addunyaatti ifa baase.
Kitaabilee qorannoo Waayee Gadaa irratti fuulleffatan hedduu barreesseera isaan keessaa; ‘Class system Based on Time’ (1963), Gadaa: ‘Three Approaches to the study of African Society’ (1973), ‘Oromo Democracy’: ‘An Indigenous African Political System’ (2001, 2006)fi ‘A pastoral Ecosystem (1991)” jedhaman akka fakkeenyaatti eeramu.
Pirofeesar Asmaroom Laggasaa hojii qorannoosaanii keessatti Sirni Gadaa Oromoo, eenyummaafi qaroomina durii uummata Oromoofi Afrikaanota maraa calaqqisiisu hawaasa addunyaatti beeksisuun UNESCOtti hambaa kiliyyaa ta’ee akka galmaa’uuf gumaacha olaanaa taasisaniiru.
Mootumaan Naannoo Oromiyaas Hayyuu Sirna Gadaa Bu’uura bulchiinsa dimokiraasii beekumsa xaabboosaan Oromoon kalaqee ittiin wal bulchaa ture addunyaatti beeksisan kanaaf galataafi beekamtii olaanaa ALI bara 2008 kenneefii ture.
Pirofeesar Asmaroom Laggasaa dhalatanii waggaa 95ffaa isaaniitti addunyyaa kanarraa iddoo dhala namaaf hin hafnetti godaanaiiru.
OBN du’aan boqochuu hayyuu jabaa kanaatti gaddi guddaan itti dhagamuu isaa ibsaa, maatiifi firoota isaaniif jajjabina hawwa.
Madda:- Barrulee garaa garaa wabeeffanne
#Asmarom_Lagase#research#Gadaa#anthropology





