Home Oduu Maarkas Raashfoordi gaaffii jijjiirraa isaaf dhihaate dide.

Maarkas Raashfoordi gaaffii jijjiirraa isaaf dhihaate dide.

0

OBN Cyber Media Mudde 25,2017-Taphataan sarara fuulduraa Maanchistar Yuunaayitid Maarkas Raashfoordi kilaboonni Sa’uudi Arabiyaa sadi isa mallatteessisuuf gaaffii dhiheessan hin ta’u jechuun harkatti dide.

Taphataan ganna 27 kun as dhiheenya kilabicha keessatti carraan taphaa gahaan kennamaafi hin jiru.

Kanumarraa ka’uun kilaboonni Sa’uud Arabiyaa isa mallatteessisuuf gaaffii isaan dhiheessan tole jedhee hin fudhanne.

Dail Mail akka gabaasetti, yoo ta’e miindaa waggaa Paawundii miiliyoona 35 kilaboonni kunneen isaaf dheeheessan dideera.

Raashfoordi Maanchistar Yuunaayitid keessatti miindaa torbanii Paawundii 315,000 argachaa jira.

NO COMMENTS

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Exit mobile version