Finfinneen yaa’ii dureewwan Gamtaa Afriikaa 38ffaa walakkeessa baatii Guraandhalaatti taa’amu keessummeessuuf ulaawwan misoomaa midhagsuu dabalatee namoota keessummoota simatan qopheessaa jirti.
Yaa’iin Gamtaa Afriikaa baranaa kunis dureewwan baroota darban tajaajilaa turan gaggeessuun qondaaltota haaraa baallii fudhachuuf dorgomaa jiran filachuun bakka buusa jedhameera.
Qaroofi handhuura walooma Afriikaa akkasumas wiirtuu Dippiloomaasii addunyaa kan taate Finfinneen yaa’ii dureewwan Gamtaa Afriikaa 38ffaa baranaa keessummeessuuf haala duraan hin amaleeffatamneen jaataniirra jirti. Utuu akka har’aa kana miirri walqixxummaafi maqaan dimookiraasii jedhamu goleewwan addunyaarratti hin labsamiin, Itiyoophiyaan bittaa sirna Kolonii warra Lixaa ofirraa dhowwuurra darbuun wiirtuu bilisummaa biyyoota Afriikaa taatee leellifamti.
Kunimmoo biyyi kun labooba Warraaqsaa ta’uurra darbitee guca diddaa garbummaa qabsiisuun biyyoonni koloneeffatamanis deebi’anii bobaa koloneeffattootasaanii jalaa ba’uun birmadummaasaanii akka labsataniif bu’uura seenaan yoomillee hin daganne kaa’ee darbeera.
Kolonummaa faccisuun blisummaashee tikfattee kan fullaate Itiyoophiyaan, boodarrammoo dhageettiiyyuu akka gonfattuufi biyyoota sirna cunqursaa jala turanis gaaddisa tokko jalatti deebistee akka ijaartuuf bu’uura ta’e. Haaluma kanaan dhaadannoo biyyoota Afriikaa kan ta’e Gamtaan Afriikaa har’aa ykn Dhaabbanni Tokkummaa Afriikaa kaleessaa ALA’tti bara 1963 Itiyoophiyaa, akkasumas kanneen kolonummaa ofirraa mulqan dabalatee walumatti biyyoota 32’n Finfinneetti hundaa’e.
Akeekni ijoon hundeeffama Tokkummaa Afriikaa yeroo sanaas biyyoonni bobaa ormaa jala turan qalbiitti deebi’uun fakkeenya bilisummaa Itiyoophiyaa fudhatanii fuulduraaf waliin hiriiruun dhimmoota ofiin of bulchuu akka labsan, Dangaansaanii akka kabajamu gochuu, lammiileen jireenya fooyya’aa akka jiraataniifi hariiroon hawaasummaa qabanis Paan-Afriikaa ykn gaaddisa Afriikaa tokkooomtee jalatti akka eegamuuf yaadameeti.
Akeekni isaan bara sana wixinatanii Finfinneetti walarganis adadumaan misee miseensotas dabalataa moggaasa maqaa ganamaa sanas ALA’tti bara 2002 gara Gamtaa Afriikaatti jijjiiruun hojimaata waliif cichuu baafatanii michummaa keessoosaaniifi dippiloomaasii addunyaa jabeeffachuuf waliigalan.
Kunis imaanaa tokkummaa, walitti hidhamiinsaafi walooma biyyoota Afriikaa gidduutti fiduu, birmadummaa biyyoota miseensa ta’anii kabachiisuu, dhimmoota hawaas-dinagdeefi siyaasaa Ardii Afriikaarratti qindoominaan hojjechuu,Fedhii ummataafi Ardii Afriikaa eeguu akkasumas imaammatawwan barnootaa,fayyaa, aadaa, dinagdee, saayinsii, dippiloomaasii, tekinikaafi humana ittisaa qindaa’e qabaachuu fa’i jedha ragaan AU irraa arganne.
Har’as taanaan qoqqoodinsaafi fedhiin biyyoota dinagdeen of ga’oodha jedhamanii dabalatee hiyyummaafi waldhabdeen dachee Afriikaarraa fagaachuu didan bifa garaa garaan danqaa ta’anis waggaa waggaadhaan dureewwan biyyoota Afriikaarraa Finfinneetti walarguuf dhimmanii eeggataa jiru.
Baranas hojiirra oolmaa Ajandaa 2063 dabalatee dhimmoota haqa lammiilee, nagaafi tasgabbii, jijjiirama qilleensaa, barnoota, fayyaafi misoomawwan bu’uuraa dabalatee dhimmoota garaa garaarratti mari’achuun dureewwan haaraa Gamtaa Afriikaa fuulduraaf gaggeessanis filachuun hiree Afriikaa fooyyessuuf walakkeessa baatii Guraandhalaatti teessoo Gamtaa Afriikaa, handhuura Oromiyaafi Itiyoophiyaa akkasumas qe’ee oolmaasaa kan taate Finfinneeetti beellamateera.
Ministeerri dhimma alaas Yaa’ii dureewwan Afriikaa keessummeessuun maddiitti Finfinneen wiirtuu Konfiraansiifi Turiizimii ta’uushee keessummoonni qabata kanaan dhufan mirkaneeffachuun biyyaafis galii argamsiisanii debi’anii akka galaniif dhaabbilee tola ooltotaa,haala mijeessitootaafi dippiloomaatota garaa garaa waliin qindaa’uun hojjetaa jiraachuu ibseera.
Yaa’iin dureewwan Afriikaa waggaa waggaan Finfinneetti marmaarsisu kun ajandaa 2063 kan jaarraa walakkaatti Afriikaa dirra lafaa kanarratti dhageettii qabdu gochuuf tumatanii turan milkeessuudha.
Kanas tarsiimoo hunda hammachiisuufi guddina itti fufaa mirkaneessuu danda’u gaaddisa Paan-afriikaa jalatti bocachuun dhimmoota tokkummaa, ofiin of bulchuu, bilisummaafi badhaadhina waloo dhugoomsuun ummata ardii Afriikaa biliyoona 1.3 ol boquu ol qabuun, waloomaa, badhaadhinaafi nagaa Afriikaas lammiileesheetiin milkeessuudha jedha, ragaan marsariitii Gamtaa Afriikaarraa arganne. Dureewwan Komiishinara komiishinii Gamtaa Afriikaa ta’uuf dorgomaa jiranis dabaree qaxanaa Afriikaa Bahaa waan ta’eef Keeniyaarraa Raayilaa Amooloo Odiingaafi Jibuutiirraa Mahmuud Alii Yusuuf yoo ta’an walumaagalatti Komiishinara Ittaanaa dabalatee gareewwan miseensa Koree hojiraawwachiiftuu namoota 8’tu filatamuuf guyyaa eeggataa jiru. Waaqgaarii Qana’aatu qindeesse
