Meeqa keessantu aannan jaalata laata? Aannan keessahoo aannan Gaalaa dhugdanii beektu, Oromoo Karrayyuu biratti aannan Gaalaa faayidaa hedduu qaba.
Oromoon waan qabeenyi ittiin beekamu hedduu keessa tokko loon ykn horiidha.
Oromoon loon ni jaalata, ni horsiisa, ni faarsas, aannan isaa immoo ni unata.
Dur qabeenyi namaa, hamma horii qabuufi saawwan elmatuun adda baha ture.
Amma sababoota adda addaan haalli kun jijiiramaa dhufus.
Oromoo Karrayyuu biratti looniin cinatti gaalli hiika addaa qaba
oolte bulteen Oromoo Karrayyuu Gaala waliin hariiroo cimaa qaba.
Waa itti fe’achuuf, aannan isaa dhuguuf Karrayyuun Gaalatti dhimma baha. ofii aannan loonii maaliif dhugama laata?
Aannan Gaalaa akka aannan loonii raafame baaduu ykn dhadhaan hin bahu, isa kanatu adda godha akka namoonni aannan Gaalaa kana hedduminaan fayyadaman jedhanitti.
Uummata Karrayyuufi gaala adda baasuun hin danda’amu. Ijoollees ta’an warri gurguddaan hundinu wal qixxee gaala jaalatu.
Annan isaas nama dhandhameetu faayidasaa beeka.
Dr. Kadiir Hajii Roobaa, Yuunivarsiitii Haramayyatti barsiisaafi qorataa sirna nyaataati.
Aannan Gaalaa qofa osoo hin taane aannan mataan isaayyuu gosa nyaata filatamaa fi qabiyyee guddaa of keessaa qabu ta’uu kan himan Dr. Kadir, aannan Gaalaa immoo faayidaa hangana hin jedhamne qabaachuu dubbatu.
Akka Dr. Kadir jedhanitti aannan Gaalaa kun fayyaaf faayidaa qabaachuun cinatti namoota dhibee sukkaara qabaniifillee bu’aa qabaachuu himaniiru. Habtaamuu Mokonniniin











