“Lakkoofsi fayyadamtoota tajaajila Mobaayilaa miiliyoona 97 ga’eera”-Ministira Muummee Abiyyi Ahmad (PhD).

Date:

‘OBN Cyber Media’ Amajjii 27,2018

Lakkoofsi fayyadamtoota tajaajila Mobaayilaa miiliyona 97 ga’uusaa Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (PhD) ibsan.

Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (PhD), walga’ii idilee 10ffaa bara hojii 5ffaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa taa’amerratti argamuun gaaffilee miseensota mana marichaa irraa ka’aniif deebii fi ibsa kennaniiru.

Dameen dijitaalaa keeessumaa fayyadamtoonni tajaajila Mobaayilaa guddachaa dhufuusaa ibsaniiru.

Yeroo jijjiiramni dhufu lakkoofsi fayyadamtoota mobaayilaa miiliyoona 37 akka ture eeruun, yeroo ammaa Itiyoo- Telekoomiin, miiliyoona 87, saafaarii koomiin miiliyoona 10 ol walumaagalatti fayyadamtoonni mobaayilaa miiliyoona 97 jiraachuu ibsan.

Kunis jijjiiramaa asitti miiliyoona 60’n dabaluusaa agarsiisa kan jedhan.

Ta’us kun ga’aa akka hintaanee fi lammiileen Itiyoophiyaa hundi fayyadamtoota mobaayilaa akka ta’aniif hojjetamuu akka qabu ibsan.

 Dhaqqabamummaan Tajaajila neetworkii 4G fi 5G babal’achaa jiraachuu kan ibsan Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (PhD), magaalonni kuma 1 fi 70 fayyadamtoota 4G akkasumas magaalonni 28 fayyadamtoota 5G ta’uusaanii dubbatan.

Kunis lammiileen tajaajilaa fi daldala si’ataa akka argatan dandeessisaa jira jedhan.

Damee faayinaansiin waggoota sadan darbanii asitti lakkoofsi daddabarsa maallaqaa mobaayilaa miiliyona 58 ga’uu eeran.

Sirni gurgurtaa dijitaalaas maallaqa callaan gochuurra saffisaaan gaggeeffamuu eeruun, kunis bu’aa imaammata imala tarkaanfii Itiyoophiyaa ta’uusaa kaasaniiru.

Tajaajila kaffaltii dijitalaanis ji’oota ja’an darban bu’aawwan galmaa’an kan waggaa darbee yeroo walfakkaataan yoo madaalamu, harka 60 dabaluu eeraniiru.

Qusannaa maallaqaa dijitaalaa fi tajaajilli qusannaa guddachuusaa ibsaniiru.

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

“Paartiin Badhaadhinaa seenaa gara qabeenyaatti; hambaa gara duudhaatti jijjiire”- Obbo Tamasgeen Xurunee.

‘OBN Cyber Media’ Guraandhala 03,2018 Paartiin Badhaadinaa mata duree “...

Haaromsi Aadaa injifannoo Oromoo ceesisudha!

‘OBN Cyber Media’Guraandhala 01,2018 Oromoon sadarkaa gaanfa Afrikaatti saba guddaa...

“Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya diinagdeen gahoomsa”-Obbo Namarraa Bulii.

‘OBN Cyber Media’ Amajjii 29,2018 Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya aara...

“Buusaa Gonofaan duudhaa namoomni ittiin calaqqisiifamuufi jireenyi guyyuu ittiin qajeelfamudha”-PMNO obbo Shimallis Abdiisaa.

Oromoon falaasama sirna Gadaa ijaareen jaarmiyaalee seeraafi sirnaan guutamanii...