Kaarloo Ancheelootiin lammii biyya alaa garee biyyaalessa Biraazil leenjisan ta’uufi.

Date:

Ancheelootiin leenjisaa garee biyyaalessa Biraazil ta’uun waliigaltee waggaa tokko mallatteessan.
Maanguddoon ganna 64 Kaarloo Ancheelootiin waliigalteen waggaa tokkoo Riyaal Maadriid waliin isaan hafus, gargar bahuuf waliigalaniiru.
Marsaa lamaan Riyaal Maadriid kan leenjisan Ancheelootiin barana yeroo jalqabaaf waancaa malee goolabuuf dhihaataniiru.
Riyaal Maadriid Chaampiyoonsi Liigii Awurooppaan qabxii waliigalaan Arsenaaliin goolii 5 fi 1’n yoo moo’aman, waancaa Kooppaa Del Reey Ispeen tapha xumuraan Baarseloonaan goolii 3 fi 2’n moo’amuun waancaa dhabe.
Dorgommii hundaan darbii El Kilaasikoon gareen isaanii bara kana yeroo afur kan moo’ame Ancheelootiin Laaliigaan taphoonni torbee sadii qofti osoo hafuu Baarseloonaan qabxii 7’n caallamaniiru.
Bara 2021 yeroo 2ffaaf leenjisaa Riyaal Maadriid ta’uun kan qacaraman Ancheelootiin waancaa Laaliigaa Ispeen lama, Chaampiyoonsi Liigii Awurooppaa sadi moo’achuun seenaa warra Loos Bilaankoos keessatti leenjistoota milkii guddaa goonfatan keessaa hangafarratti eerramu.
Tapha xumuraa Laaliigaa Ispeen Riyaal Maadriid Riyaal Soosiidaad waliin taphatu booda Maadriiditti nagaa dhaammatu.
Riyaal Maadriid immoo taphataa duraanii sarara gidduu kilabichaa Chaabii Aloonsoo waliigaltee waggaa sadiin qacaruuf waliigaleera.
Caamsaa 26 irraa eegaluun immoo leenjisaa garee biyyaalessa Biraazil ta’uun hojii ni eegaluuf eeggamu.
Ancheelootiin seenaa garee kubbaa miilaa Biraazil keessatti leenjisaa jalqabaa lammii biyya alaa garicha leenjisan ta’u.
Waancaa Addunyaa bara 2026’n Biraazil yeroo 6ffaaf shaampiyoonii Addunyaa akka taatu gochuun imaanaa Ancheelootiin fudhatani. Girmaa Bayyanaatin.Madda: The Athletic.

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

“Paartiin Badhaadhinaa seenaa gara qabeenyaatti; hambaa gara duudhaatti jijjiire”- Obbo Tamasgeen Xurunee.

‘OBN Cyber Media’ Guraandhala 03,2018 Paartiin Badhaadinaa mata duree “...

Haaromsi Aadaa injifannoo Oromoo ceesisudha!

‘OBN Cyber Media’Guraandhala 01,2018 Oromoon sadarkaa gaanfa Afrikaatti saba guddaa...

“Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya diinagdeen gahoomsa”-Obbo Namarraa Bulii.

‘OBN Cyber Media’ Amajjii 29,2018 Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya aara...

“Buusaa Gonofaan duudhaa namoomni ittiin calaqqisiifamuufi jireenyi guyyuu ittiin qajeelfamudha”-PMNO obbo Shimallis Abdiisaa.

Oromoon falaasama sirna Gadaa ijaareen jaarmiyaalee seeraafi sirnaan guutamanii...