Laaliigaa Ispeen torbee 35ffaan dirree ofiirratti Riyaal Maadriid waliin kan taphate Baarseloonaan duubaa ka’uun goolii 4 fi 3’n injifatee gaggeesse.
Riyaal Maadriid gooliiwwaan Kiiliyaan Imbaappeen peenaalitiifi taphaan galcheen 2 fi 0’n dursaa ture.Baarseloonaan gooliiwwan Erik Gaarsiyaa, Laamiin Yaamaaliifi Raafiiniyaan lama galchaniin duubaa ka’ee goolii 4 fi 2’n dursaa boqonnaa bahan.
Lammiin Biraazil Raafiiniyaan bara dorgommii kana Laaliigaa Ispeeniin goolii 18ffaa yoo galchu, Laamiin Yaamaal goolii 8ffaa galche.
Boqonnaa deebii Kiiliyaan Imbaappeen goolii 3ffaa Riyaal Maadriidiif galchuun haatirii hojjetus, kilabasaa moo’amuu irraa hin oolchine. Fermiin Loopeez daqiiqaa 95ffaarratti goolii 5ffaa galchee, harkaa waan tuqamteef jalaa haqamte.
Imbaappeen taphataa darbii El Kilaasikoon haatirii hojjetee gareen isaa moo’achuu dadhabe yoo ta’u, Laaliigaa Ispeeniin goolii 27 galchuun baay’ina gooliin liigichaa dursaa jira.
Dorgommii hundaan goolii 39 galchuun taphataa jalqabaa baruma kilabichaaf mallatteesseen goolii heddu galche ta’uun seenaa haaraa galmeesseera.
Taphataa cimaa taphichaa jedhamuun kan filame Raafiiniyaan, akkuma taphoota darbanii tapha kana moo’achuuf qophoofne; yoo dursee gooliin nutti gales tasgabbiifi obsaan goolii galchinee akka qabxii garagalchinu ni beekna jedhe.
“Har’a goolii akkan galchu nan beekan ture” Laamiin Yaamaal.
“Miirri shaampiyoonummaa nutti hin dhagahamu. Shaampiyoonii ta’uuf tapha tokko injifachuutu nurraa eegama” jedhe Leenjisaan Baarseloonaa Haansii Filiik.
Baarseloonaan kamisa dhufu darbii Kaataalaaniin Ispaanyool injifannaan shaampiyoonii Laaliigaa Ispeen bara kanaa ta’uu mirkaneeffata.
“Yeroo lama carraa goolii afur qixa ta’uu argannee turre, tapha kanaan taphattoota sarara ittisaa shan miidhamaan dhabuu keenya hin dagatinaa” kan jedhan ammoo Leenjisaa Riyaal Maadriid Kaarloo Ancheelootiidha.
Riyaal Maadriid darbii El Kilaasiikoo bara kana Baarseloonaa waliin taphate afranuu moo’ameera. Taphoota afuriin goolii 16 fi 7’n moo’ame.
Laaligaa Ispeen tapha jalqabaan Riyaal Maadriid 0-4 Baarseloonaa, waancaa moo’aa moo’attootaa Ispeeniin Riyaal Maadriid 2-5 Baarseloonaa, waancaa Kooppaa Del Reey Ispeeniin Riyaal Maadriid 2-3 Baarseloonaa, Laaliigaa Ispeen tapha tapha 2ffaa Baarseloonaa 4- 3 Riyaal Maadriid xumurame.Girmaa Bayyanaatin.





