‘OBN Cyber Media’ Amajjii 08,2017- Jilli miseensoota Paaarlamaa Iraan kan Af-yaa’ii Paarlaamaa Iraan Dr Mahaammad Gaaliibaafiin durfamu daawwannaa hojiif Finfinnee dhufeera.
Jilli kun wayita Buufata Xiyyyaaraa Idil Addunyaa Boolee gahu Af-yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa, Obbo Taaggasee Caafoon simataniiru.
Jilli miseensoota Paarlaamaa Iraan turtii isaatiin daawwannaa adda addaa kan taasisaaniifi Af-yaa’ii Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa fi hoggantoota mootummaa olaanoo biroo waliin kan mari’atu ta’uun ibsameera. Mana Maricharraa odeeffanne
