Odeeffannoon Ministeerri dhimma Alaa carraa barnootaafi hojii Kanaadaatti miijessuuf Ministira waajjirichaaf bakka bu’insi kennameera jedhamee tamsa’u soba ta’uu, Haqabaas OBN Cyber Media’n mirkaneeffate.
OBN Cyber Media, Amajjii 08,2017- Odeeffannoon Ministirri Dhimma Alaa Dr.Geediyoon Ximootiyoos bakka bu’ummaan carraa barnootaafi hojii Kanaadaatti argamuuf akka itti gaafatamummaan kenname fakkeessuun dubbiin dubbatamu soba ta’uu Haqabaas OBN Cyber Media’n qaama dhimmi ilaallaturraa mirkaneeffateera.
Qaamoleen Kanaadaatti carraa barnootaafi hojii mijeessuuf bakka bu’iinsi seera qabeessaa Ministira Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Ximootiwoosiin kan kennameef fakkeessuun, Xalayaa seeraan alaa qopheessuun tamsaasaa jiraachuu Ministeerri Dhimma Alaa hubachiiseera. Xalayaan maqaa Ministira Dhimma Alaan eerame tamsa’aa jirus soba ta’uun irra gahameera. Namoota gocha akkasii raawwatanis seeraan kan gaafatu ta’uu ministeerichi beeksiseera. Ummannis dhimma kana hubachuun waliin dhooftota akkasiirraa of eeguu qabaan dhaamameera.
