Home Oduu Ijaarsaafi faayidaa biyyaa mirkaneessuu keessatti gumaachi hayyootaa cimuu qaba jedhame.

Ijaarsaafi faayidaa biyyaa mirkaneessuu keessatti gumaachi hayyootaa cimuu qaba jedhame.

0

‘OBN Cyber Media’ Amajjii 23,2017-Yuunvarsiitii Salaaleetti mariin mata duree ’’Faayidaa Biyyaalessaafi walitti hidhamiinsa naannawaa madaalawaa uummattootaaf’’ jedhuun taa’ame. Hayyoonni waltajjicharrati, Itiyoophiyaan biyya bilisummaa Afriikaaf xurree saaqxe, ammas taanaan tokkummaan Afriikaafi Gaanfa Afriikaa akka cimuuf hojjechaa jirti jedhan. Nutis akka hayyuutti carraa argame hundaan dhimmoota faayidaa biyyaalessaaf oolaniifi tokkummaa cimsan irratti qorannoo gaggeessuuniifi hubannoo uumuun gahee keenya bahuuf qophiidha jedhan. Itiyoophiyaan biyyoota ollaa ishee waliin faayidaa ishee osoo hin sharafiin siyaas diinagdee haqa qabeessaan waliin guddachuu irratti fuulleeffateen taliigamuu qabdi kan jedhan, Yuunvarsiitii Salaaleetti Itti Gaafatamaan Beekumsa Xabboo, Obbo Addunyaa Mokonniin. Kuni akka milkaa’uuf ammoo tumsi hayyootaa akkaan barbaachisaa waan ta’eef mariin kuni qophaa’e jedhan. Pirezidaantiin Itti Aanaa Dhimma Akkaadaamii fi Qorannoo Yuunvarsiitii Salaalee Dr. Tsaggaayee Dayyuu, faayidaan biyyaalessaa dhimma waloo ta’uu hubachuun hayyoonni dandeettiifi beekumsa qabaniin dhaabbilee barnootaa keessattifi alatti hubannoo uumuu qabu jedhan. Qorannoo faayidaa ijaarsa biyyaafi faayidaa biyyaalessaa kabachiisan irrattis taasisuun biyya badhaate dhaloota dhaalchisuuf hojjechuu qabaniis dhaaman Doktar Tsaggaayeen. Dajanee Laaqootu gabaase

NO COMMENTS

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Exit mobile version