Home Oduu “Hojiileen misoomaa Finfinneetti eegalaman hawwattummaa magaalattii haalaan dabaleera” –Turistoota

“Hojiileen misoomaa Finfinneetti eegalaman hawwattummaa magaalattii haalaan dabaleera” –Turistoota

0

‘OBN Cyber Media’ Amajjii 12/2017: Turistoonni sirna kabaja ayyaana Cuuphaa Finfinnee Hurufa Boombiitti kabajame irratti hirmaatan ‘OBN Cyber Media’n dubbise Ayyaana Cuuphaa Itoophiyaa Galmee Hambaa Kiliyaa Addunyaa (Intangible Heritage) tahuun biyyoota Gamtoomanitti damee Barumsaa, Saayinsiifi Aadaa UNESCO’tti kan galmaa’e kabaja ayyaana Cuuphaarratti hirmaachuusaaniitti akka gammadan dubbatan.

Magaalaan Finfinnee haalaan misoomaa jirti kan jedhan, lammiileen biyyoota alaa kunneen hojiileen qarqara daandii ayyaanichaaf miidhagina addaa laachuu eeraniiru.

Itiyoophiyaatti idoowwan hawata turizimii baayyinaan misoomaa jiru, Finfinneettis hojii boonsaatu hojjetamaa jira; kun turistota hawwachuuf carraa gaariidha jedhan.Wandimmaagany Asaffaan

#OBN#Oromia#Ethiopia

NO COMMENTS

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Exit mobile version