yaadamatu waadaan dhufe, waadaanis gochaan dhugoomee siidaa dhalootaa ta’uurraa darbee adduunyaa ijaafi qalbii hawwate. Imala aja’ibsiisaa damee Turizimiin Itiyoophiyaan waggaa shanan har’aa tokkoo jettee jalqabdee har’a firii baasee ija godhate lammiilee biyya keessaarraa darbee gurra adduunyaayyuu bu’eera.
Itiyoophiyaan Afriikaarraa damee turizimiin guddina aja’ibsiisaa galmeessiteetti jedha ragaan dhaabbata Biyyoota gamtoomanii.
Itiyoophiyaan Afriikaa keessaa biyya lakkoofsi turistootaa daran itti dabalee keessaa hangafa taatee jirti jedha ragaan damee Turizimii dhaabbatichaa. ‘Itiyoophiyaatti bara faranjootaa dabarsine bara 2024’tti lakkoofsi turistootaa harka 40 dabaleera.
Gowwaan bishaan keessaa dhaabatee dheebotaa akkuma jedhamu waggoota muraasan dura qabeenyi uumamaa uuman uumamaan biyyattii badhaase callisaanii taa’aa turan.osoo miidhaganii mul’atanii iccitiin miidhagina isaan keessa jiru garuu namatti mul’achaa hin turre.
waggaa shanii asitti garuu xiyyeeffannoo akka biyyaatti damee turizimiif kennameen iddoowwan hawwata turizimii qofa osoo hin taane iddoowwan ijaafi funyaan namaaf hin tolleefi baroon baatee iddoo namoonni yoo bira gahan aaraan osoo hin taane aaraa itti galfatan ta’e.
Hojiin damee turizimiin pirojektii maaddiin biyyaaf, maaddiin dhalootaaf akkasumas maaddiin shaggarii fi kan biroon hojjataman har’atti addunyaa ofiitti waamaa jiru.
Oromiyaarraa Wanciifi Beenuunaaan, Naannoo Amaaraarraa Gorgoraan, kibba lixa Itiyoophiyaarraa loojiin Arbaa cabaraa curcuraafi Halaalaa Kellaan miidhaganii ifanii mul’atu.
Paarkiin Inxooxoo, Paarkiin Tokkummaafi Paarkiin Michoomaa miidhagina magaalaa Finfinnee calaqqisuun cinatti agarsiisftuu dandeetti yaada gochatti jijjiruuti.
Hojiin damee turizimiin biyyattiin hojjatte kunis ijji addunyaa Itiyoophiyaarraa akka bu’u godheera.
Gabaasni dameen turizimii dhaabbata biyyoota gamtoomanii baase akka mul’isutti Itiyoophiyaan Afriikaa keessaa biyya lakkoofsi turistootaa daran itti dabalee keessaa hangafa.
dhaabbatichi waliigala dameen turizimii weerara ‘covid-19’n booda kan dandamate ta’uu kan ibse yoo ta’u ALA bara 2024’ttis jijjiramni aja’ibsiisaan kan itt galma’e ta’uus eereera.
Guddinni turizimii kun biyya baha giddugaleessaa Kuwaataar tarree jalqabaarraa kaa’eera.
Itiyoophiyaan Afriikaa keessaa Morokkoofi Ijiptiin caaluun biyya bara 2024’tti lakkoofsi turistootaa harka 40 itti dabalee ta’uun tokkoffaarratti argamti.
Galiin damee kanarraa argamuu dinagdee biyyattii utubuu keessatti qooda olaanaa qabaataa.








