Hoggansiifi miseensi paartii ofii adda duree ta’ee kaanis cimsuu qaba.

Date:

Paartii gurmaa’insa cimaa, keessoo isaatti qulqullaa’eefi humna namaa cimaan ijaarame gochuuf hojii hojjetameen, bu’aa olaanaan argamuu, Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaatti Ittigaafatamaan Siyaasaa Obbo Namarraa Bulii himan.

‘OBN Cyber Media’ Amajjii 27,2017-Gabaasni raawwii hojii Paartiifi mootummaa naannoo Oromiyaa Magaalaa Adaamaatti qoratamaa jiru hojiiwwan hanga kurmaana 2ffaatti hojjetaman dhiyaachuun irratti mari’atamaa jira.

Gabaasa raawwii hojii Paartii kan dhiyeessan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaatti Ittigaafatamaan Siyaasaa Obbo Namarraa Bulii, Paartii gurmaa’insa cimaa,keessoo isaatti qulqulluu ta’eefi humna namaa cimaan ijaaruuf hojiin hojjetame bu’a-qabeessa ta’uu ibsan.

Kallattii yaa’iin paartii Badhaadhinaa kaa’e bu’uureffachuun hoggansiifi miseensi paartii ofii adda duree ta’uun oomisha dabaluu, nageenya mirkaneessuu akkasumas kenna tajaajilaa fooyyessuuf dhimmee hojjechuu qabas jedhan. Akaaluu Baqqalaatu gabaase.

+4

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

“Paartiin Badhaadhinaa seenaa gara qabeenyaatti; hambaa gara duudhaatti jijjiire”- Obbo Tamasgeen Xurunee.

‘OBN Cyber Media’ Guraandhala 03,2018 Paartiin Badhaadinaa mata duree “...

Haaromsi Aadaa injifannoo Oromoo ceesisudha!

‘OBN Cyber Media’Guraandhala 01,2018 Oromoon sadarkaa gaanfa Afrikaatti saba guddaa...

“Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya diinagdeen gahoomsa”-Obbo Namarraa Bulii.

‘OBN Cyber Media’ Amajjii 29,2018 Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya aara...

“Buusaa Gonofaan duudhaa namoomni ittiin calaqqisiifamuufi jireenyi guyyuu ittiin qajeelfamudha”-PMNO obbo Shimallis Abdiisaa.

Oromoon falaasama sirna Gadaa ijaareen jaarmiyaalee seeraafi sirnaan guutamanii...