‘OBN Cyber Media’ Amajjii 14,2017-Pirezidaantiin Itti Aanaa mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii hayyoonni dhaabbilee barnootaa keessa jiran dhaloota biyya ijaaru qaruun jaalala biyyaa goonfachiisu qabu jedhan. Godina Shawaa Kaabaatti mariin hayyootaa mata duree “Gahee Hayyoota Oromoo Ijaarsa biyyaa fi nagaa keessatti” jedhuun qophaa’ee taa’ameera. Pirezidaantii Itti Aanaan mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiin, biyya ijaaruu keessatti gaheen hayyootaa murteessaa waan ta’eef, hayyoonni dhaabbilee barnootaa keessa jiran dhaloota biyya ijaaru qaruun jaalala biyyaa goonfachiisuu qabdan jedhan. Mootummaan jijjiiramaa rakkoowwan barootaaf dhaalaman deebisuuf hojii jalqabe cimsee itti fufa, kanaaf ammoo tumsi hayyootaa akkaan barbaachisaadha jedhan, Obbo Awwaluun. Mootummaan hojiilee misoomaa hawaasni irraa fayyadamu heddu hojjechaa jira, kunimmoo cimsee itti fufuu gaafata jedhan, hayyoonni. Nageenyi bu’uura waan hundaati, hojiin nageenya waaraan mirkaneessuu ammallee xiyyeeffannoo barbaadaa gaafatan hayyoonni marii kanarratti hirmaatan. Dajanee Laaqootu gabaase






